1 Yaa Waaqa ani galateeffadhu
2 namoonni hamoonnii fi gowwoomsitoonni,
3 Isaan dubbii jibbaatiin na marsan;
4 Utuma ani isaan jaalladhuu na himatan;
5 Qooda waan gaarii hammina,
6 Akka inni isa mormuuf nama itti ramadi;
7 Yommuu qoratamutti isatti haa muramu;
8 Umuriin isaa haa gabaabbatu,
9 Ijoolleen isaa abbaa malee haa hafan;
10 Ijoolleen isaa kadhattoota asii fi achi jooran haa taʼan;
11 Waan inni qabu hunda namni isa irraa liqii qabu haa fudhatu;
12 Namni tokko iyyuu isaaf hin naʼin,
13 Sanyiin isaa haa dhumu;
14 Balleessaan abbootii isaa fuula Waaqayyoo duratti haa yaadatamu;
15 Akka inni seenaa isaanii lafa irraa balleessuuf,
16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota,
17 Inni abaaruu jaallate;
18 Inni akkuma uffata isaatti abaarsa uffata;
19 Abaarsi sun akkuma uffata inni ittiin of haguuguu,
20 Kaffaltiin Waaqayyo warra na himatanii fi
21 Yaa Waaqayyo Gooftaa,
22 Ani hiyyeessaa fi rakkataadhaatii;
23 Ani akkuma gaaddidduu galgalaa badeera;
24 Jilbi koo soomuudhaan dadhabeera;
25 Ani warra na himatan biratti waan tuffii taʼeera;
26 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na gargaari;
27 Yaa Waaqayyo, akka wanni kun harka kee taʼe,
28 Isaan ni abaaru; ati garuu ni eebbifta;
29 Himattoonni koo salphina haa uffatan;
30 Ani afaan kootiin guddisee Waaqayyoon nan galateeffadha;
31 Innis warra lubbuu isaatti muran jalaa isa baasuuf jedhee,