Números 6
GAZ vs NVI
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 O Senhor disse ainda a Moisés:
2 “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu: ‘Dhiirri yookaan dubartiin tokko yoo Waaqayyoof addaan of baasuuf wareega addaa yookaan wareega Naazirummaa wareegan,
2 "Diga o seguinte aos israelitas: Se um homem ou uma mulher fizer um voto especial, um voto de separação para o Senhor como nazireu,
3 daadhii wayinii fi dhugaatii nama macheessu irraa of haa eeggatan; namni sun dhangaggaaʼaa daadhii wayinii irraa hojjetame yookaan dhangaggaaʼaa dhugaatii nama macheessuu biraa hin dhugin. Inni cuunfaa gumaa wayinii dhuguu yookaan ija wayinii asheetii yookaan goggogaa isaa nyaachuu hin qabu.
3 terá que se abster de vinho e de outras bebidas fermentadas e não poderá beber vinagre feito de vinho ou de outra bebida fermentada. Não poderá beber suco de uva nem comer uvas nem passas.
4 Innis bara Naazirummaa isaa hunda keessa waan gumaa wayinii irraa argamu kam iyyuu sanyii isaas taʼu qola isaa nyaachuu hin qabu.
4 Enquanto for nazireu, não poderá comer nada que venha da videira, nem mesmo as sementes ou as cascas.
5 “ ‘Bara wareega addaan baafamuu isaa hunda keessa qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqin. Hamma yeroon inni itti Waaqayyoof addaan baafame sun xumuramutti inni qulqulluu haa taʼu; akka rifeensi mataa isaa guddatuufis gad haa dhiisu.
5 "Durante todo o período de seu voto de separação, nenhuma lâmina será usada em sua cabeça. Até que termine o período de sua separação para o Senhor ele estará consagrado e deixará crescer o cabelo de sua cabeça.
6 “ ‘Naazirichi bara Waaqayyoof addaan of baase hunda keessa reeffatti dhiʼaachuu hin qabu.
6 Durante todo o período de sua separação para o Senhor, não poderá aproximar-se de um cadáver.
7 Sababii mallattoon inni ittiin Waaqayyoof addaan baafame mataa isaa irra jiruuf yoo abbaan isaa yookaan haati isaa, obboleessi isaa yookaan obboleettiin isaa duʼan illee isaaniif jedhee akka seeraatti of hin xureessin.
7 Mesmo que o seu próprio pai ou mãe ou irmã ou irmão morra, ele não poderá tornar-se impuro por causa deles, pois traz sobre a cabeça o símbolo de sua separação para Deus.
8 Inni bara itti addaan baafame sana hunda keessa kan Waaqayyoof qulqulleeffamee dha.
8 Durante todo o período de sua separação, estará consagrado ao Senhor.
9 “ ‘Yoo namni tokko iddoo Naazirichi jirutti akka tasaa duʼee akkasiin rifeensa inni addaan baase sana xureesse, inni guyyaa itti qulqulleeffamutti jechuunis guyyaa torbaffaatti mataa isaa haa haaddatu.
9 "Se alguém morrer repentinamente perto dele, contaminando assim o cabelo que consagrou, ele terá que rapar a cabeça sete dias depois, dia da sua purificação.
10 Ergasiis inni guyyaa saddeettaffaatti gugee lama yookaan gugee sosookkee lama balbala dunkaana wal gaʼii irratti lubatti haa fidu.
10 No oitavo dia, trará duas rolinhas ou dois pombinhos ao sacerdote à entrada da Tenda do Encontro.
11 Sababii inni iddoo reeffi jirutti argamuudhaan cubbuu hojjeteef lubichi isa tokko aarsaa cubbuu, isa kaan immoo aarsaa gubamu godhee araara buusuuf haa dhiʼeessuuf. Guyyuma sanas rifeensa mataa isaa addaan haa baasu.
11 O sacerdote oferecerá um como oferta pelo pecado e o outro como holocausto, para fazer propiciação por ele, pois pecou ao se aproximar de um cadáver. Naquele mesmo dia o nazireu reconsagrará a sua cabeça.
12 Inni yeroo itti addaan baafame keessa ammas Waaqayyoof addaan of haa baasu; xobbaallaa hoolaa kan umuriin isaa waggaa tokko taʼes aarsaa yakkaa godhee haa fidu. Garuu sababii inni yeroo addaan baʼiisa isaa keessa xureeffameef guyyoonni darban hin lakkaaʼaman.
12 Ele se dedicará ao Senhor pelo período de sua separação e trará um cordeiro de um ano de idade como oferta de reparação. Não se contarão os dias anteriores porque ficou contaminado durante a sua separação.
13 “ ‘Egaa yeroo addaan baʼumsi isaa xumuramutti seerri Naazirichaa kanaa dha: Inni gara karra dunkaana wal gaʼiitti haa fidamu.
13 "Este é o ritual do nazireu quando terminar o período de sua separação: ele será trazido à entrada da Tenda do Encontro.
14 Achitti aarsaa isaa Waaqayyoof haa dhiʼeessu; kunis xobbaallaa korbeessa hoolaa hirʼina hin qabnee kan umuriin isaa waggaa tokko taʼe aarsaa gubamuuf, xobbaallaa hoolaa dhaltuu hirʼina hin qabne kan umuriin ishee waggaa tokko taʼe aarsaa cubbuutiif, korbeessa hoolaa hirʼina hin qabne aarsaa nagaatiif,
14 Ali apresentará a sua oferta ao Senhor: um cordeiro de um ano e sem defeito como holocausto, uma cordeira de um ano e sem defeito como oferta pelo pecado, um carneiro sem defeito como oferta de comunhão
15 kana wajjinis Maxinoo gundoo tokko, Maxinoo daakuu bullaaʼaa irraa tolfame kan zayitiidhaan sukkuumame, bixxillee zayitiin irra dibame akkasumas kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii haa dhiʼeessu.
15 juntamente com a sua oferta de cereal, com a oferta derramada e com um cesto de pães sem fermento com bolos feitos da melhor farinha amassada com azeite e pães finos untados com azeite.
16 “ ‘Lubichis fuula Waaqayyoo duratti isaan fidee aarsaa cubbuutii fi aarsaa gubamu haa dhiʼeessu.
16 "O sacerdote os apresentará ao Senhor e oferecerá o sacrifício pelo pecado e o holocausto.
17 Innis korbeessa hoolaa sana Maxinoo gundoo irra jiru sana wajjin aarsaa nagaa godhee Waaqayyoof haa dhiʼeessu; akkasumas lubichi kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu isaa haa dhiʼeessu.
17 Apresentará o cesto de pães sem fermento e oferecerá o cordeiro como sacrifício de comunhão ao Senhor, juntamente com a oferta de cereal e a oferta derramada.
18 “ ‘Ergasii Naazirichi balbala dunkaana wal gaʼii duratti rifeensa addaan baase sana haa haaddatu. Rifeensa sanas fuudhee ibidda aarsaa nagaa jalaan jiru sana keessa haa buusu.
18 "Em seguida, à entrada da Tenda do Encontro, o nazireu rapará o cabelo que consagrou e o jogará no fogo que está embaixo do sacrifício da oferta de comunhão.
19 “ ‘Erga Naazirichi rifeensa ittiin addaan baafame sana haaddatee booddee lubni sun foon gatiittii korbeessa hoolaa kan affeelamee fi Maxinoo fi bixxillee hin bukaaʼin gundoo sana irraa fuudhee harka namichaa irra haa kaaʼu.
19 "Depois que o nazireu rapar o cabelo da sua consagração, o sacerdote lhe colocará nas mãos um ombro cozido do carneiro, um bolo e um pão fino tirados do cesto, ambos sem fermento.
20 Ergasiis lubichi aarsaa sochoofamu godhee fuula Waaqayyoo duratti isaan haa sochoosu; isaanis handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana wajjin lubichaaf kan qulqulleeffamanii dha. Ergasii Naazirichi daadhii wayinii dhuguu ni dandaʼa.
20 O sacerdote os moverá perante o Senhor como gesto ritual de apresentação; são santos e pertencem ao sacerdote, bem como o peito que foi movido e a coxa. Depois disso o nazireu poderá beber vinho.
21 “ ‘Seerri Naaziricha waan kennuu dandaʼu kaan dabalatee akkuma addaan baʼumsa isaatti kennaa isaa Waaqayyoof wareegu tokkoo kanaa dha. Innis akkuma seera Naazirichaatti waan wareege sana raawwachuu qaba.’ ”
21 "Esse é o ritual do voto de nazireu e da oferta dedicada ao Senhor de acordo com a sua separação, sem contar qualquer outra coisa que ele possa dedicar. Cumprirá o voto que tiver feito de acordo com o ritual do nazireu".
22 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
22 O Senhor disse a Moisés:
23 “Aroonii fi ilmaan isaatti akkana jedhii himi; ‘Akki isin itti Israaʼeloota eebbiftan kanaa dha. Akkana jedhaanii:
23 "Diga a Arão e aos seus filhos: Assim vocês abençoarão os israelitas:
24 “ ‘ “Waaqayyo si haa eebbisu;
24 "O Senhor te abençoe e te guarde;
25 Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu;
25 o Senhor faça resplandecer o seu rosto sobre ti e te conceda graça;
26 Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu;
26 o Senhor volte para ti o seu rosto e te dê paz.
27 “Akkasitti isaan maqaa koo saba Israaʼel irra kaaʼu; anis isaan nan eebbisa.”
27 "Assim eles invocarão o meu nome sobre os israelitas, e eu os abençoarei".
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?