Números 36

GAZ vs NVT

Sair da comparação
NVT Nova Versão Transformadora
1 Abbootiin maatii ilmaan Giliʼaad ilma Maakiir, ilma Minaasee kanneen maatiiwwan ilmaan Yoosef keessaa dhufan sun fuula Museetii fi fuula hooggantoota abbootii maatiiwwan saba Israaʼel duratti dhiʼaatanii dubbatan;
1 Os chefes das famílias do clã de Gileade, descendentes de Maquir, filho de Manassés, filho de José, apresentaram uma petição a Moisés e aos líderes de Israel, os chefes das famílias.
2 akkanas jedhan; “Akka ati biyyattii dhaala gootee ixaadhaan saba Israaʼeliif kennituuf Waaqayyo Gooftaa koo ajajeera; akkasumas akka ati dhaala obboleessi keenya Zelofehaad intallan isaatiif kennitu inni si ajajeera.
2 Disseram eles: “O S enhor o instruiu a repartir a terra por sorteio entre os israelitas. O S enhor também o instruiu a entregar a herança que pertencia a nosso irmão Zelofeade às filhas dele.
3 Garuu yoo isaan ilmaan gosoota saba Israaʼel kaanitti heeruman dhaalli isaanii dhaala abbootii keenyaa keessaa fuudhamee dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama. Yoos dhaala ixaadhaan nuu qoodame irraa gariin isaa ni fuudhama.
3 Mas, se elas se casarem com homens de outra tribo de Israel, levarão consigo suas propriedades para a tribo dos homens com quem se casarem. Com isso, a área total do território de nossa tribo será reduzida.
4 Yommuu Waggaan Iyyoobeeliyyuu kan saba Israaʼel dhufutti dhaalli isaanii sun dhaala gosa isaan itti heerumaniitti dabalama; dhaalli isaaniis dhaala gosa abbootii keenyaa irraa fudhatama.”
4 Quando chegar o Ano do Jubileu, a porção de terra que elas receberam será anexada à porção dessa nova tribo, e essa propriedade será tirada da tribo de nossos antepassados para sempre”.
5 Kana irratti Museen akkuma Waaqayyo dubbate sana akkana jedhee saba Israaʼel ajaje: “Wanni gosti ilmaan Yoosef jedhu sirrii dha.
5 Então Moisés deu aos israelitas a seguinte ordem do S enhor : “A preocupação dos homens da tribo de José é justa.
6 Wanni Waaqayyo waaʼee intallan Zelofehaad ajaje kanaa dha: Isaan gosa abbaa isaanii qofa keessaa haa taʼu malee nama jaallatanitti haa heeruman.
6 É isto que o S enhor ordenou acerca das filhas de Zelofeade: Elas poderão se casar com quem quiserem, desde que seja alguém da tribo de seus antepassados.
7 Sababii tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala gosa abbaa isaa irraa argatu jabeessee qabatuuf, dhaalli ilmaan Israaʼel gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin.
7 Nenhuma terra poderá ser transferida de uma tribo para outra, pois a porção entregue a cada tribo deve permanecer com a tribo para a qual foi inicialmente designada.
8 Akka tokkoon tokkoon ilmaan Israaʼel dhaala abbootii isaa argatuuf, gosa ilmaan Israaʼel keessaa intalli dhaala argattu kam iyyuu gosa abbaa ishee keessaa nama tokkotti heerumuu qabdi.
8 As filhas de todas as tribos de Israel que têm direito a herdar propriedades deverão se casar com homens de um dos clãs de sua própria tribo, para que todos os israelitas mantenham a propriedade de seus antepassados.
9 Sababii tokkoon tokkoon gosa ilmaan Israaʼel dhaala ofii isaa jabeessee qabatuuf, dhaalli tokko iyyuu gosa tokko irraa gosa kaanitti hin darbin.”
9 Nenhuma porção de terra poderá ser transferida de uma tribo para outra; cada tribo de Israel manterá a porção de terra que recebeu como herança”.
10 Intallan Zelofehaad akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana godhan.
10 As filhas de Zelofeade fizeram conforme o S enhor ordenou a Moisés.
11 Intallan Zelofehaad Mahilaan, Tiirzaan, Hoglaan, Miilkaa fi Nohi ilmaan obboloota abbaa isaaniitti heeruman.
11 Maala, Tirza, Hogla, Milca e Noa se casaram com primos da família de seu pai,
12 Isaanis maatiiwwan ilmaan Minaasee ilma Yoosef keessatti waan heerumaniif dhaalli isaanii gosa maatii abbaa isaanii harkatti hafe.
12 membros dos clãs de Manassés, filho de José. Assim, sua herança permaneceu no clã e na tribo de seus antepassados.
13 Ajajawwanii fi murtiiwwan Waaqayyo dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti karaa Museetiin ilmaan Israaʼeliif kenne kanneenii dha.
13 Esses são os mandamentos e os estatutos que o S enhor deu aos israelitas por meio de Moisés enquanto estavam acampados nas campinas de Moabe junto ao rio Jordão, do lado oposto de Jericó.

Ler em outra tradução

Comparar com outra