Números 35

GAZ vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe;
1 Disse mais o Senhor a Moisés, nas campinas de Moabe, junto ao Jordão, na altura de Jericó:
2 “Israaʼeloonni dhaala ofii isaaniitii argachuuf jiran keessaa magaalaawwan Lewwonni keessa jiraatan akka isaanii kennan Israaʼeloota ajaji. Lafa horii itti bobbaafatanis naannoo magaalaawwaniitti haa kennaniif.
2 Dá ordem aos filhos de Israel que, da herança da sua possessão, deem cidades aos levitas, em que habitem; e também, em torno delas, dareis aos levitas arredores para o seu gado.
3 Isaanis magaalaawwan keessa jiraatanii fi lafa itti loon isaaniitii fi horii isaanii kaan hunda bobbaafatan ni qabaatu.
3 Terão eles estas cidades para habitá-las; porém os seus arredores serão para o gado, para os rebanhos e para todos os seus animais.
4 “Lafti horiin itti bobbaʼu kan isin naannoo magaalaawwaniitti Lewwotaaf kennitan sun dallaa magaalaa irraa jalqabee gama hundaan dhundhuma kuma tokko achi balʼata.
4 Os arredores das cidades que dareis aos levitas, desde o muro da cidade para fora, serão de mil côvados em redor.
5 Magaalaa sana gidduutti hambisuudhaan karaa alaatiin gama baʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kibbaatiin dhundhuma kuma lama, gama dhiʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kaabaatiin immoo dhundhuma kuma lama safaraa. Iddoowwan kunneen magaalaawwan sanaaf iddoowwan itti horii bobbaafatan taʼu.
5 Fora da cidade, do lado oriental, medireis dois mil côvados; do lado sul, dois mil côvados; do lado ocidental, dois mil côvados e do lado norte, dois mil côvados, ficando a cidade no meio; estes lhes serão os arredores das cidades.
6 “Magaalaawwan jaʼan isin Lewwotaaf kennitan magaalaawwan itti baqatan kanneen namni nama ajjeese itti baqatu taʼu. Magaalaawwan afurtamii lamas kanatti dabalaatii isaanii kennaa.
6 Das cidades, pois, que dareis aos levitas, seis haverá de refúgio, as quais dareis para que, nelas, se acolha o homicida; além destas, lhes dareis quarenta e duas cidades.
7 Walumaa galatti magaalaawwan afurtamii saddeet kanneen lafa tika ofii isaanii qaban Lewwotaaf kennaa.
7 Todas as cidades que dareis aos levitas serão quarenta e oito cidades, juntamente com os seus arredores.
8 Magaalaawwan isin lafa Israaʼeloonni dhaalan irraa Lewwotaaf kennitan, akkuma qooda dhaala tokkoo tokkoo gosaatti haa taʼu; gosa dhaala baayʼee qabu irraa magaalaawwan baayʼee, gosa dhaala muraasa qabu irraa immoo magaalaawwan xinnoo fuudhaa.”
8 Quanto às cidades que derdes da herança dos filhos de Israel, se for numerosa a tribo, tomareis muitas; se for pequena, tomareis poucas; cada um dará das suas cidades aos levitas, na proporção da herança que lhe tocar.
9 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe:
9 Disse mais o Senhor a Moisés:
10 “Israaʼelootatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Isin yommuu Yordaanosin ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti,
10 Fala aos filhos de Israel e dize-lhes: Quando passardes o Jordão para a terra de Canaã,
11 akka isin magaalaawwan itti baqatan kanneen namni tasa nama ajjeese itti baqatu isinii taʼaniif magaalaawwan filadhaa.
11 escolhei para vós outros cidades que vos sirvam de refúgio, para que, nelas, se acolha o homicida que matar alguém involuntariamente.
12 Magaalaawwan kunneenis akka namni nama ajjeesuudhaan himatame utuu murtii argachuuf waldaa duratti hin dhiʼaatin hin duuneef iddoo inni itti nama haaloo isa baʼu jalaa baqatu taʼu.
12 Estas cidades vos serão para refúgio do vingador do sangue, para que o homicida não morra antes de ser apresentado perante a congregação para julgamento.
13 Magaalaawwan isin kennitan jaʼan kunneenis magaalaawwan itti baqattan isinii taʼu.
13 As cidades que derdes serão seis cidades de refúgio para vós outros.
14 Yordaanos gamanaan magaalaawwan sadii, Kanaʼaan keessaa immoo magaalaawwan sadii, magaalaawwan itti baqatan godhaa kennaa.
14 Três destas cidades dareis deste lado do Jordão e três dareis na terra de Canaã; cidades de refúgio serão.
15 Magaalaawwan jaʼan kunneen akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼelootaaf, alagootaa fi saba isaan gidduu jiraatuuf iddoo itti baqatan taʼu.
15 Serão de refúgio estas seis cidades para os filhos de Israel, e para o estrangeiro, e para o que se hospedar no meio deles, para que, nelas, se acolha aquele que matar alguém involuntariamente.
16 “ ‘Namni tokko yoo meeshaa sibiilaatiin nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
16 Todavia, se alguém ferir a outrem com instrumento de ferro, e este morrer, é homicida; o homicida será morto.
17 Yookaan namni tokko yoo dhagaa nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee ajjeese, inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
17 Ou se alguém ferir a outrem, com pedra na mão, que possa causar a morte, e este morrer, é homicida; o homicida será morto.
18 Yookaan namni tokko yoo meeshaa mukaa kan nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba.
18 Ou se alguém ferir a outrem com instrumento de pau que tiver na mão, que possa causar a morte, e este morrer, é homicida; o homicida será morto.
19 Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana haa ajjeesu; inni yommuu argatutti isa haa ajjeesu.
19 O vingador do sangue, ao encontrar o homicida, matá-lo-á.
20 Namni tokko yoo jibbaan nama darbatee lafaan dhaʼee yookaan beekaa waa itti darbachuudhaan isa ajjeese,
20 Se alguém empurrar a outrem com ódio ou com mau intento lançar contra ele alguma coisa, e ele morrer,
21 yookaan yoo diinummaadhaan kaʼee harkaan isa dhaʼee namichi sun duʼe, inni nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba; inni nama gumaa ti. Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana yeroo argatutti isa haa ajjeesu.
21 ou, por inimizade, o ferir com a mão, e este morrer, será morto aquele que o feriu; é homicida; o vingador do sangue, ao encontrar o homicida, matá-lo-á.
22 “ ‘Garuu inni yoo utuu diinummaa hin qabaatin tasa nama darbatee lafaan dhaʼe yookaan utuu hin beekin waan tokko isatti darbatee
22 Porém, se o empurrar subitamente, sem inimizade, ou contra ele lançar algum instrumento, sem mau intento,
23 yookaan utuu isa hin argin dhagaa isa ajjeesuu dandaʼu itti gad dhiisee namichi sun duʼe, inni waan diina isaa hin taʼinii fi isa miidhuuf hin yaadiniif
23 ou, não o vendo, deixar cair sobre ele alguma pedra que possa causar-lhe a morte, e ele morrer, não sendo ele seu inimigo, nem o tendo procurado para o mal,
24 waldaan sun akkuma seera kanneeniitti namicha nama ajjeese sanaa fi isa haaloo dhiigaa baʼu sana gidduutti murtii haa kennu.
24 então, a congregação julgará entre o matador e o vingador do sangue, segundo estas leis,
25 Waldaan sun namicha nama ajjeesuudhaan himatame sana harka namicha haaloo dhiigaa baʼu sanaa jalaa baasee magaalaa inni itti baqatee ture sanatti deebisee isa haa ergu. Innis hamma lubni ol aanaan zayitii qulqulluudhaan dibame sun duʼutti achuma haa turu.
25 e livrará o homicida da mão do vingador do sangue, e o fará voltar à sua cidade de refúgio, onde se tinha acolhido; ali, ficará até à morte do sumo sacerdote, que foi ungido com o santo óleo.
26 “ ‘Taʼus yoo namichi nama ajjeese sun daarii magaalaa itti baqate sanaa keessaa baʼee
26 Porém, se, de alguma sorte, o homicida sair dos limites da sua cidade de refúgio, onde se tinha acolhido,
27 namichi haaloo dhiigaa baʼu sun magaalaa sanaan alatti isa argate, namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha himatame sana ajjeesuu dandaʼa; yakka ajjeechaa sanaattis hin gaafatamu.
27 e o vingador do sangue o achar fora dos limites dela, se o vingador do sangue matar o homicida, não será culpado do sangue.
28 Namichi nama ajjeese sun hamma lubni ol aanaan sun duʼutti magaalaa itti baqate keessa turuu qaba; inni erga lubichi ol aanaan duʼee booddee gara qabeenya isaatti deebiʼuu dandaʼa.
28 Pois deve ficar na sua cidade de refúgio até à morte do sumo sacerdote; porém, depois da morte deste, o homicida voltará à terra da sua possessão.
29 “ ‘Isaan kunneenis dhaloota dhufu keessatti lafa isin jiraattan kamitti iyyuu seeraa fi qajeelfama isiniif haa taʼan.
29 Estas coisas vos serão por estatuto de direito a vossas gerações, em todas as vossas moradas.
30 “ ‘Namni kam iyyuu yoo nama ajjeese namichi sun ragaa dhugaa baatonni kennaniin ajjeefama. Taʼus namni kam iyyuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan hin ajjeefamin.
30 Todo aquele que matar a outrem será morto conforme o depoimento das testemunhas; mas uma só testemunha não deporá contra alguém para que morra.
31 “ ‘Namicha nama ajjeesee duuti isaaf malu tokko irraa gumaa lubbuu hin fudhatinaa. Inni ajjeefamuu qaba.
31 Não aceitareis resgate pela vida do homicida que é culpado de morte; antes, será ele morto.
32 “ ‘Akka inni utuu lubichi ol aanaan hin duʼin dura biyya ofii isaatti deebiʼee achi jiraatu eeyyamuuf jettanii nama gara magaalaa itti baqataniitti baqate kamiif iyyuu gumaa hin fudhatinaa.
32 Também não aceitareis resgate por aquele que se acolher à sua cidade de refúgio, para tornar a habitar na sua terra, antes da morte do sumo sacerdote.
33 “ ‘Sababii dhangalaafamuun dhiigaa biyya xureessuuf, isin biyya keessa jiraattan sana hin xureessinaa; dhiiguma namicha dhiiga dhangalaase sanaatiin malees biyya dhiigni itti dhangalaafame sanaaf araarri hin buufamu.
33 Assim, não profanareis a terra em que estais; porque o sangue profana a terra; nenhuma expiação se fará pela terra por causa do sangue que nela for derramado, senão com o sangue daquele que o derramou.
34 Biyya isin keessa jirtan iddoo ani jiraadhu sana hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Israaʼeloota gidduu nan jiraadhaatii.’ ”
34 Não contaminareis, pois, a terra na qual vós habitais, no meio da qual eu habito; pois eu, o Senhor , habito no meio dos filhos de Israel.

Ler em outra tradução

Comparar com outra