Números 34
GAZ vs ARIB
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 Disse mais o Senhor a Moisés:
2 “Akkana jedhii Israaʼeloota ajaji: ‘Yeroo isin Kanaʼaan seentanitti biyyi akka dhaalaatti isinii kennamtu sun daangaawwan kanneen qabaatti:
2 Dá ordem aos filhos de Israel, e dize-lhes: Quando entrardes na terra de Canaã, terra esta que vos há de cair em herança, por toda a sua extensão,
3 “ ‘Daangaan keessan kan gama kibbaa Gammoojjii Siin kan qarqara Edoom irra jirtu irraa jalqaba; karaa baʼaatiin daangaan keessan kan kibbaa dhuma Galaana Soogiddaa irraa jalqaba;
3 a banda do sul será desde o deserto de Zim, ao longo de Edom; e o limite do sul se estenderá da extremidade do Mar Salgado, para o oriente;
4 daangaan keessan kibba irraa gara tabba Aqrabiimitti deebiʼee, gara Siinitti ceʼee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis gara Hazar Adaaritti ittuma fufee gara Azimoonitti darba.
4 e este limite irá rodeando para o sul da subida de Acrabim, e continuará até Zim; e, saindo ao sul de Cades-Barnéia, seguirá para Hazar-Hadar, e continuará até Azmom;
5 Daangaan sunis Azimoon irraa gara laga Gibxitti deebiʼee galaana gaʼee dhuma.
5 e daí irá rodeando até o ribeiro do Egito, e terminará na praia do mar.
6 Daangaan keessan kan gama dhiʼaa immoo qarqara Galaana guddichaa ti. Kunis gama dhiʼaatiin daangaa keessan taʼa.
6 Para o ocidente, o Mar Grande vos será por limite; o próprio mar será o vosso limite ocidental.
7 Daarii keessan kan kaabaatiif galaana guddaadhaa hamma Tulluu Huuritti,
7 Este será o vosso limite setentrional: desde o Mar Grande marcareis para vós até o Monte Hor;
8 Tulluu Huuriitii hamma Leeboo Hamaatiitti mallattoo tolchaa. Daariin sunis hamma Zedaaditti deemee
8 desde o monte Hor marcareis até a entrada de Hamate; daí ele se estenderá até Zedade;
9 hamma Ziifronitti itti fufee Hazar Eenaan irratti dhuma. Kunis daarii keessan kan kaabaa taʼa.
9 dali continuará até Zifrom, e irá terminar em Hazar-Enã. Este será o vosso limite setentrional.
10 Daarii keessan kan baʼaatiifis Hazar Eenaanii jalqabaatii hamma Shefaamaatti mallattoo tolchaa.
10 Marcareis o vosso limite oriental desde Hazar-Enã até Sefã;
11 Daariin sunis Shefaamaa jalqabee karaa baʼa Aayiniitiin hamma Riibilaatti gad buʼa; itti fufees hamma ededa gama baʼaa Galaana Kinereetitti argamuutti deema.
11 este limite descerá de Sefã até Ribla, ao oriente de Aim; depois irá descendo ao longo da borda do mar de Quinerete ao oriente;
12 Daariin kunis Yordaanositti gad buʼee Galaana Soogiddaa gaʼee dhaabata.
12 descerá ainda para o Jordão, e irá terminar no Mar Salgado. Esta será a vossa terra, segundo os seus limites em redor.
13 Museen akkana jedhee Israaʼeloota ajaje: “Biyya kana dhaala godhadhaatii ixaadhaan qoodadhaa; Waaqayyo akka biyyi kun gosa sagalii fi walakkaadhaaf kennamu ajajeera;
13 Moisés, pois, deu ordem aos filhos de Israel, dizendo: Esta é a terra que herdareis por sortes, a qual o Senhor mandou que se desse às nove tribos e à meia tribo;
14 maatiiwwan gosa Ruubeen, kan gosa Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee dhaala ofii fudhataniiruutii.
14 porque a tribo dos filhos de Rúben, segundo as casas de seus pais, e a tribo dos filhos de Gade, segundo as casas de seus pais, como também a meia tribo de Manassés, já receberam a sua herança;
15 Gosoonni lamaanii fi walakkaan gosa tokkoo Yordaanos gamaa, fuullee Yerikootii gara baʼa biiftuutti karaa baʼaatiin dhaala isaanii argataniiru.”
15 isto é, duas tribos e meia já receberam a sua herança aquém do Jordão, na altura de Jericó, do lado oriental.
16 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
16 Disse mais o Senhor a Moisés:
17 “Maqaan namoota akka dhaalaatti lafa kana isinii qoodaniis Eleʼaazaar lubichaa fi Iyyaasuu ilma Nuunii ti.
17 Estes são os nomes dos homens que vos repartirão a terra por herança: Eleazar, o sacerdote, e Josué, filho de Num;
18 Isinis akka isaan lafa dhaalaa qoodaniif tokkoo tokkoo gosaa keessaa hoogganaa tokko filadhaa.
18 também tomareis de cada tribo um príncipe, para repartir a terra em herança.
19 “Maqaan isaaniis kanneenii dha:
19 E estes são os nomes dos homens: Da tribo de Judá, Calebe, filho de Jefoné:
20 gosa Simiʼoon keessaa, Shemuuʼeel ilma Amiihuud;
20 da tribo dos filhos de Simeão, Semuel, filho de Amiúde;
21 gosa Beniyaam keessaa, Eliidaad ilma Kisloon;
21 da tribo de Benjamim, Elidá, filho de Quislom;
22 gosa Daan keessaa hoogganaan, Bukii ilma Yoogilii;
22 da tribo dos filhos de Dã o príncipe Buqui, filho de Jógli;
23 gosa Minaasee ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Haniiʼeel ilma Eefoodi;
23 dos filhos de José: da tribo dos filhos de Manassés o príncipe Haniel, filho de Éfode;
24 gosa Efreem ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Qamuʼeel ilma Shiifxaan;
24 da tribo dos filhos de Efraim o príncipe Quemuel, filho de Siftã;
25 gosa Zebuuloon keessaa hoogganaan, Eliisaafaan ilma Phaarnaak;
25 da tribo dos filhos de Zebulom o príncipe Elizafã, filho de Parnaque;
26 gosa Yisaakor keessaa hoogganaan, Phaaltiiʼeel ilma Azaan;
26 da tribo dos filhos de Issacar o príncipe Paltiel, filho de Azã;
27 gosa Aasheer keessaa hoogganaan, Ahiihuud ilma Sheloomii;
27 da tribo dos filhos de Aser o príncipe Aiúde, filho de Selômi;
28 gosa Niftaalem keessaa hoogganaan, Phedaaʼeel ilma Amiihuud.”
28 da tribo dos filhos de Naftali o príncipe Pedael, filho de Amiúde.
29 Namoonni kunneen warra Waaqayyo akka isaan biyya Kanaʼaan keessatti Israaʼelootaaf dhaala hiraniif isaan ajajee dha.
29 Estes são aqueles a quem o Senhor ordenou que repartissem a herança pelos filhos de Israel na terra de Canaã.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?