Números 32

GAZ vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Ilmaan Ruubeenii fi ilmaan Gaad warri loonii fi bushaayee hedduu qaban akka biyyi Yaʼizeerii fi biyyi Giliʼaad horii isaaniitiif tolu argan.
1 Os filhos de Rúben e os filhos de Gade tinham muito gado. Quando viram a terra de Jazer e a terra de Gileade, que eram boas para a criação de gado,
2 Isaan gara Musee, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara hooggantoota waldaa dhufanii akkana jedhan;
2 os filhos de Gade e os filhos de Rúben foram falar com Moisés, com o sacerdote Eleazar, e com os chefes da congregação. Disseram:
3 “Axaaroti, Diiboon, Yaʼizeer, Niimraa, Heshboon, Eleʼaalee, Sebaamaa, Neboo fi Beʼoon,
3 — Atarote, Dibom, Jazer, Ninra, Hesbom, Eleale, Sebã, Nebo e Beom,
4 biyyi Waaqayyo fuula waldaa Israaʼel duratti rukute sun horiif tolaa dha; nu tajaajiltoonni kees horii qabna.
4 a terra que o Senhor subjugou diante da congregação de Israel é terra de gado; e estes seus servos têm gado.
5 Yoo nu fuula kee duratti fudhatama argannee jiraanne biyyi kun nu tajaajiltoota keetiif handhuuraa taʼee haa kennamu. Akka nu Yordaanos gama ceenus hin godhin.”
5 Disseram mais: — Se encontramos favor aos seus olhos, permita que a posse desta terra seja dada a estes seus servos; e não nos faça passar o Jordão.
6 Museenis ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeeniin akkana jedhe; “Obboloonni keessan duula dhaqanii isin immoo as teessuu?
6 Porém Moisés disse aos filhos de Gade e aos filhos de Rúben: — Então os irmãos de vocês irão à guerra, enquanto vocês ficam aqui?
7 Isin maaliif akka Israaʼeloonni biyya Waaqayyo isaanii kenne sanatti ceʼanii hin galleef abdii isaan kutachiiftuu?
7 Por que vocês querem desanimar os filhos de Israel, para que não entrem na terra que o Senhor lhes deu?
8 Kun waanuma abbootiin keessan gaafa ani akka isaan biyyattii ilaalaniif jedhee Qaadesh Barnee irraa isaan erge sana hojjetanii dha.
8 Assim fizeram os pais de vocês, quando os enviei de Cades-Barneia para ver esta terra.
9 Isaanis erga gara Sulula Eshkool dhaqanii biyya sana arganii booddee akka Israaʼeloonni biyya Waaqayyo isaaniif kennetti hin galleef abdii isaan kutachiisan.
9 Eles chegaram até o vale de Escol e, vendo a terra, desanimaram os filhos de Israel, para que não entrassem na terra que o Senhor lhes tinha dado.
10 Dheekkamsi Waaqayyoos guyyuma sana bobaʼe; innis akkana jedhee kakate;
10 Então a ira do Senhor se acendeu naquele mesmo dia, e ele jurou, dizendo:
11 ‘Waan isaan garaa guutuudhaan na faana deemuu didaniif, namoota waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen biyya Gibxiitii baʼanii dhufan keessaa namni tokko iyyuu biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa gale sana hin argu.
11 “Porque não me seguiram com fidelidade, é certo que os homens que saíram do Egito, de vinte anos para cima, não verão a terra que prometi com juramento a Abraão, a Isaque e a Jacó.
12 Kaaleb ilma Yefunee kan gosa Qeneezii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee namni tokko iyyuu hin argu; isaan lamaan garaa guutuudhaan Waaqayyo duukaa buʼaniiruutii.’
12 Somente Calebe, filho de Jefoné, o quenezeu, e Josué, filho de Num, verão a terra, porque seguiram o Senhor com fidelidade.”
13 Dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti bobaʼe; innis hamma dhaloonni fuula isaa duratti waan hamaa hojjete sun hundi dhumutti akka isaan waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran godhe.
13 Por isso a ira do Senhor se acendeu contra Israel, e ele os fez andar errantes pelo deserto durante quarenta anos, até que se consumiu toda a geração que havia feito o que era mau aos olhos do Senhor .
14 “Yaa sanyii cubbamootaa nana, isin kunoo dheekkamsa Waaqayyoo kan Israaʼel irratti bobaʼe sana ittuma caalchisuuf iddoo abbootii keessanii buutaniirtu.
14 E agora vocês, geração de pecadores, se levantaram em lugar de seus pais, para aumentar ainda mais o furor da ira do Senhor contra Israel.
15 Yoo isin isa duukaa buʼuu irraa garagaltan inni ammas gammoojjii kana keessatti saba kana hunda ni dhiisa; isinis uummata kana ni balleessitu.”
15 Se vocês não quiserem segui-lo, também ele deixará todo o povo novamente no deserto, e vocês serão a causa da ruína deste povo.
16 Isaan gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Nu asitti horii keenyaaf dallaa, dubartootaa fi ijoollee keenyaaf immoo magaalaawwan ijaarra.
16 Então os filhos de Gade e os filhos de Rúben se aproximaram de Moisés e lhe disseram: — Edificaremos currais aqui para o nosso gado e cidades para as nossas crianças.
17 Nu garuu hamma lafa isaaniitiin isaan geenyutti hidhannee Israaʼel dura deemuuf qophaaʼoo dha. Yeroo kanatti akka jiraattoonni biyyattii isaan hin tuqneef dubartoonnii fi ijoolleen keenya magaalaawwan dallaa jabaa qaban keessa haa jiraatan.
17 Mas nós nos armaremos e vamos para a guerra adiante dos filhos de Israel, até que os tenhamos levado ao seu lugar. Porém as nossas crianças ficarão nas cidades fortificadas, por causa dos moradores da terra.
18 Hamma tokkoon tokkoon Israaʼelootaa dhaala ofii isaanii argatanitti nu mana keenyatti hin deebinu.
18 Não voltaremos para nossas casas até que os filhos de Israel estejam de posse, cada um, da sua herança.
19 Sababii dhaalli keenya laga Yordaanos irraa gara baʼaatti nuuf kennameef nu Yordaanos irraa gama kaaniin isaan wajjin waan dhaallu hin qabnu.”
19 Porque não herdaremos com eles do outro lado do Jordão, nem mais adiante, porque já temos a nossa herança deste lado do Jordão, ao leste.
20 Museenis akkana isaaniin jedhe; “Yoo isin waan kana gootan, yoo isin fuula Waaqayyoo duratti hidhattanii duulaaf kaatan,
20 Então Moisés lhes disse: — Se vocês fizerem isso, se vocês se armarem para a guerra diante do
21 yoo isin hundinuu hamma inni diinota ofii isaa fuula ofii isaa duraa ariʼee baasutti hidhattanii fuula Waaqayyoo dura Yordaanosin ceetan,
21 e cada um de vocês, armado, passar o Jordão diante do Senhor , até que ele tenha expulsado os seus inimigos de diante dele,
22 yeroo biyyattiin fuula Waaqayyoo duratti moʼatamtutti isin itti gaafatama Waaqayyoo fi saba Israaʼeliif qabdan irraa ni bilisoomtu. Biyyi sunis fuula Waaqayyoo duratti dhaala keessan taʼa.
22 e a terra estiver subjugada diante do Senhor , então vocês poderão voltar e estarão desobrigados diante do Senhor e diante de Israel; e a posse desta terra será de vocês diante do Senhor .
23 “Garuu isin yoo waan kana gochuu baattan, kunoo Waaqayyotti cubbuu hojjechuu keessan; akka cubbuun keessan isin argatu illee beekkadhaa.
23 Porém, se vocês não fizerem isso, estarão pecando contra o Senhor . E fiquem sabendo que esse pecado certamente os encontrará.
24 Dubartootaa fi ijoollee keessaniif magaalaawwan, bushaayee keessaniif immoo dallaa ijaaraa; isin garuu waan waadaa galtan sana guutaa.”
24 Construam cidades para os seus filhos e currais para as suas ovelhas; e cumpram o que vocês prometeram.
25 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen Museedhaan akkana jedhan; “Nu garboonni kee akkuma gooftaan keenya nu ajaju goona.
25 Então os filhos de Gade e os filhos de Rúben disseram a Moisés: — Nós, seus servos, faremos o que nos foi ordenado.
26 Ijoolleen keenyaa fi niitonni keenya, bushaayeen keenyaa fi loon keenya, asuma magaalaawwan Giliʼaaditti haa hafan.
26 Nossas crianças, nossas mulheres, nossos rebanhos e todos os nossos animais estarão aí nas cidades de Gileade,
27 Nu garboonni kee garuu tokkoon tokkoon keenya akkuma gooftaan keenya jedhe sana duulaaf qophoofnee fuula Waaqayyoo duratti duuluuf ni ceena.”
27 mas estes seus servos passarão para o outro lado, cada um armado para a guerra, diante do Senhor Deus, como nos está sendo ordenado.
28 Ergasiis Museen waaʼee isaanii Eleʼaazaar lubichaaf, Iyyaasuu ilma Nuunitii fi abbootii maatii gosoota Israaʼeliif ajaja kenne.
28 Então Moisés deu ordem a respeito deles ao sacerdote Eleazar, a Josué, filho de Num, e aos chefes das casas dos pais das tribos dos filhos de Israel.
29 Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoo ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen, namni waraanaaf hidhate hundi fuula Waaqayyoo duratti isin wajjin Yordaanos ceʼe, yommuu biyyattiin isin harka galtutti biyya Giliʼaad sana kennaafii.
29 Moisés lhes disse: — Se os filhos de Gade e os filhos de Rúben passarem o Jordão com vocês, cada um armado para a guerra, diante do
30 Garuu isaan yoo duulaaf hidhatanii isin wajjin ceʼuu baatan, Kanaʼaan keessatti isin wajjin lafa haa argatan.”
30 Mas, se eles não passarem, armados, com vocês, terão a parte deles entre vocês na terra de Canaã.
31 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeenis akkana jedhanii deebii kennan; “Nu garboonni kee waan Waaqayyo jedhe ni goona.
31 Os filhos de Gade e os filhos de Rúben responderam: — O que o
32 Nu miʼa lolaa hidhannee fuula Waaqayyoo dura ceenee Kanaʼaan seenna; garuu qabeenyi nu dhaallu Yordaanosiin gamatti nuuf haa hafu.”
32 Passaremos, armados, diante do Senhor à terra de Canaã e teremos a posse de nossa herança deste lado do Jordão.
33 Museenis mootummaa Sihoon mootii Amoorotaa fi mootummaa Oogi mootii Baashaan jechuunis biyya sana guutuu magaalaawwan isaaniitii fi bulchiinsa naannoo isaanii jiru sana ilmaan Gaadiitiif, ilmaan Ruubeeniitii fi walakkaa gosa Minaasee ilma Yoosefiif kenne.
33 Moisés deu aos filhos de Gade, aos filhos de Rúben e à meia tribo de Manassés, filho de José, o reino de Seom, rei dos amorreus, e o reino de Ogue, rei de Basã: a terra com as cidades e seus distritos, as cidades em toda a extensão do país.
34 Ilmaan Gaadis magaalaawwan Diiboon, Axaaroti, Aroʼeer,
34 Os filhos de Gade edificaram Dibom, Atarote e Aroer;
35 Atroot Shoofaan, Yaʼizeer, Yogbihaa,
35 Atarote-Sofã, Jazer e Jogbeá;
36 Beet Niimraa fi Beet haaraan magaalaawwan jajjaboo godhanii ijaaran. Bushaayee isaaniitiifis dallaa ijaarratan.
36 Bete-Ninra e Bete-Harã, cidades fortificadas, e currais de ovelhas.
37 Ilmaan Ruubeenis magaalaawwan Heshboon, Eleʼaaleenii fi Kiriyaataayim,
37 Os filhos de Rúben edificaram Hesbom, Eleale e Quiriataim;
38 akkasumas Neboo fi Baʼaal Meʼoon jechuunis magaalaawwan maqaan isaanii geeddaramee fi Sibimaa deebisanii ijaaran. Isaanis magaalaawwan deebisanii ijaaran sanaaf maqaa baasan.
38 Nebo e Baal-Meom, mudando-lhes o nome, e Sibma; e deram outros nomes às cidades que edificaram.
39 Ijoolleen Maakiir ilma Minaasees gara Giliʼaad dhaqanii biyyattii qabatanii Amoorota achi turan ariʼanii baasan.
39 Os filhos de Maquir, filho de Manassés, foram para Gileade, a tomaram e expulsaram os amorreus que estavam nela.
40 Museenis Giliʼaadin ijoollee Maakiir sanyii Minaaseetiif kenne; isaanis achi qubatan.
40 Portanto, Moisés deu Gileade a Maquir, filho de Manassés, o qual habitou nela.
41 Yaaʼiir ilmi Minaasees dhaqee gandoota isaanii fudhatee gandoota Yaaʼiirootaa jedhee moggaase.
41 Jair, filho de Manassés, foi e conquistou as aldeias dos amorreus; e deu-lhes o nome de Havote-Jair.
42 Noobaan immoo Qeenaatii fi gandoota naannoo isaa jiran qabatee Noobaa jedhee maqaa ofii isaatiin waame.
42 Noba foi e conquistou Quenate com as suas aldeias; e chamou-lhe Noba, que era o seu próprio nome.

Ler em outra tradução

Comparar com outra