Números 31
GAZ vs NVT
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 O S enhor disse a Moisés:
2 “Saba Israaʼeliif jedhiitii warra Midiyaan irratti haaloo baʼi. Ergasii ati gara saba keetiitti walitti qabamta.”
2 “Vingue-se dos midianitas pelo que fizeram aos israelitas. Depois disso, você morrerá e será reunido a seus antepassados”.
3 Kana irratti Museen saba sanaan akkana jedhe; “Akka isaan warra Midiyaanitti duulanii haaloo Waaqayyoo isaan irratti baʼaniif namoota keessan keessaa muraasa hidhachiisaa.
3 Então Moisés disse ao povo: “Escolham e armem alguns homens para lutarem na vingança do S enhor contra Midiã.
4 Tokkoo tokkoo gosa Israaʼel keessaa nama kuma tokko tokkoo duulatti ergaa.”
4 De cada tribo de Israel, enviem mil homens para a batalha”.
5 Akkasitti tokkoo tokkoo gosa Israaʼel keessaa namoonni kumni tokko tokko walitti buufamanii namni kumni kudha lama lolaaf hidhate.
5 Assim, escolheram mil homens de cada tribo de Israel, no total de doze mil homens armados para guerrear.
6 Museenis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama kuma tokko tokko Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa isa miʼa iddoo qulqulluutii fi malakata afuufamu harkatti qabate sana wajjin gara waraanaatti erge.
6 Moisés enviou mil homens de cada tribo, sob o comando de Fineias, filho do sacerdote Eleazar. Fineias levou consigo os objetos sagrados e as trombetas para dar a ordem de ataque.
7 Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti warra Midiyaan lolanii dhiira hunda ajjeesan.
7 Atacaram Midiã, como o S enhor havia ordenado a Moisés, e mataram todos os homens.
8 Mootonni Midiyaan shanan jechuunis Eewii, Reqem, Zuuri, Huurii fi Rebaanis warra ajjeefaman keessa turan. Akkasumas Balaʼaam ilma Beʼoor goraadeedhaan ajjeesan.
8 Os cinco reis midianitas morreram na batalha: Evi, Requém, Zur, Hur e Reba. Também mataram à espada Balaão, filho de Beor.
9 Israaʼeloonni dubartootaa fi ijoollee warra Midiyaan boojiʼan; loon, bushaayee fi qabeenya isaanii hundas ni saaman.
9 Os israelitas capturaram as mulheres e as crianças midianitas e tomaram como despojo o gado, os rebanhos e toda a riqueza deles.
10 Magaalaawwan Midiyaanonni keessa jiraatan hundaa fi qubatawwan isaanii hunda ibiddaan guban.
10 Queimaram todas as cidades e acampamentos onde os midianitas moravam.
11 Isaanis waan boojiʼanii fi waan saaman hunda namaa fi horii illee fuudhanii
11 Depois de juntarem todos os despojos, tanto os prisioneiros como os animais,
12 warra boojiʼan, waan qabatanii fi waan saaman gara iddoo qubata isaanii kan fuula Yerikoo dura, Yordaanos cina, dirreewwan Moʼaab keessa jiruutti gara Museetti, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara waldaa Israaʼelitti fidan.
12 trouxeram tudo a Moisés, ao sacerdote Eleazar e a toda a comunidade de Israel, que estava acampada nas campinas de Moabe, junto ao rio Jordão, do lado oposto de Jericó.
13 Museen, Eleʼaazaar lubichii fi hooggantoonni waldaa hundi qubataan alatti isaan simachuuf gad baʼan.
13 Moisés, o sacerdote Eleazar e todos os líderes da comunidade saíram ao encontro deles fora do acampamento.
14 Museenis ajajjuuwwan loltootaa jechuunis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa kanneen lolaa galanitti aare.
14 Moisés, porém, se enfureceu com os generais e os capitães que voltaram da batalha.
15 Innis akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif dubartoota hunda hambiftan?
15 “Por que deixaram viver todas as mulheres?”, perguntou ele.
16 Kunoo warri waan Pheʼooritti taʼe sana keessatti gorsa Balaʼaam fudhachuudhaan akka dhaʼichi saba Waaqayyoo irra buʼuuf Israaʼeloota Waaqayyo irraa deebisan isaan turan.
16 “Foram justamente elas que seguiram o conselho de Balaão e fizeram os israelitas se rebelarem contra o S enhor no incidente em Peor. Foi por causa delas que uma praga feriu o povo do S enhor .
17 Ammas ilmaan dhiiraa hunda fixaa; akkasumas dubartii dhiira wajjin ciifte hunda ajjeesaa.
17 Agora, matem todos os meninos e todas as mulheres que tiveram relações sexuais com algum homem.
18 Garuu dubara takkumaa dhiira wajjin hin ciisin ofii keessaniif hambifadhaa.
18 Deixem viver somente as meninas virgens; tragam-nas para viver entre vocês.
19 “Isin keessaa namni nama ajjeese kam iyyuu yookaan namni nama ajjeefame tuqe kam iyyuu bultii torba qubataan ala haa turu. Bultii sadaffaa fi bultii torbaffaattis ofii keessanii fi boojuu keessan qulqulleessaa.
19 E todos que tiverem matado alguém ou tocado em algum cadáver ficarão fora do acampamento por sete dias. Purifiquem a si mesmos e às prisioneiras no terceiro e no sétimo dia.
20 Uffata hunda akkasumas waan gogaa irraa, rifeensa reʼee irraa yookaan muka irraa hojjetame hunda qulqulleessaa.”
20 Purifiquem também todas as roupas e todos os objetos de couro, pelo de cabra ou madeira.”
21 Ergasiis Eleʼaazaar lubichi loltoota duula dhaqanii turan sanaan akkana jedhe; “Qajeelfamni seeraa kan Waaqayyo Museef kenne kanaa dha:
21 Então o sacerdote Eleazar disse aos homens que participaram da batalha: “O S enhor deu a Moisés as seguintes prescrições legais:
22 Warqee, meetii, naasii, sibiila, qorqorroo, dilaalii fi
22 Tudo que for feito de ouro, prata, bronze, ferro, estanho e chumbo,
23 wanni ibidda irraa hafuu dandaʼu kam iyyuu ibidda keessa dabarfamee qulqullaaʼuu qaba. Garuu wanni sun bishaan qulqullaaʼummaatiinis qulqulleeffamuu qaba. Wanni ibidda irra hafuu hin dandeenye kam iyyuu bishaan sanaan qulqulleeffama.
23 ou seja, tudo que resiste ao fogo, será passado pelo fogo para se tornar cerimonialmente puro. Em seguida, esses objetos de metal serão purificados com a água da purificação. Mas tudo que não resistir ao fogo será purificado somente com água.
24 Guyyaa torbaffaatti uffata keessan miiccadhaa; isinis ni qulqulleeffamtu. Ergasii qubatatti galuu dandeessu.”
24 No sétimo dia, lavem as roupas e vocês estarão purificados. Então poderão voltar ao acampamento”.
25 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
25 O S enhor também disse a Moisés:
26 “Ati, Eleʼaazaar lubichii fi abbootiin maatii waldaa sanaa namootaa fi horii boojiʼaman lakkaaʼaa.
26 “Você, o sacerdote Eleazar e os chefes das famílias de cada tribo farão uma lista de todos os despojos tomados na batalha, tanto das pessoas como dos animais.
27 Boojuu sanas loltoota duula dhaqanii turanii fi waldaa hunda gidduutti iddoo lamatti qoodi.
27 Dividirão o despojo em duas partes e entregarão metade para os homens que lutaram na batalha e metade para o restante do povo.
28 Loltoota duulan irraa namas taʼu loon, harroota, hoolota yookaan reʼoota dhibba shan keessaa tokko Waaqayyoof gibira fuudhi.
28 Da metade que pertence ao exército, entreguem primeiro um tributo que cabe ao S enhor , um de cada quinhentos, tanto das pessoas como do gado, dos jumentos e das ovelhas.
29 Gibira sanas walakkaa qooda isaanii irraa fuudhii qooda Waaqayyoo godhiitii Eleʼaazaar lubichatti kenni.
29 Entreguem essa porção tirada da parte do exército ao sacerdote Eleazar como oferta ao S enhor .
30 Walakkaa qooda saba Israaʼel irraa immoo namas taʼu loon, harroota, hoolota, reʼoota yookaan horii biraa shantama keessaa tokko fuudhiitii Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana Waaqayyoo taʼanitti kenni.”
30 Da metade que pertence aos israelitas, separem um de cada cinquenta, tanto das pessoas como do gado, dos jumentos, das ovelhas e dos outros animais. Entreguem essa porção aos levitas, que estão encarregados de cuidar do tabernáculo do S enhor ”.
31 Musee fi Eleʼaazaar lubichi akkuma Waaqayyo Musee ajaje sana godhan.
31 Moisés e o sacerdote Eleazar fizeram conforme o S enhor ordenou a Moisés.
32 Wanti boojuu loltoonni fudhatan irraa hafe hoolota 675,000,
32 O despojo restante de tudo que os soldados haviam tomado totalizou 675.000 ovelhas,
33 loon 72,000,
33 72.000 cabeças de gado,
34 harroota 61,000,
34 61.000 jumentos
35 dubartoonni takkumaa dhiira wajjin hin ciisin 32,000 turan.
35 e 32.000 virgens.
36 Qoodni walakkaa kan warra duulaniif qoodame:
36 Metade do despojo foi entregue aos homens que participaram da batalha. Essa parte totalizou 337.500 ovelhas,
37 keessaa gibirri Waaqayyoo 675 ture;
37 das quais 675 eram o tributo ao S enhor ;
38 loon 36,000 keessaa gibirri Waaqayyoo 72 ture;
38 36.000 cabeças de gado, das quais 72 eram o tributo ao S enhor ;
39 harroota 30,500 keessaa gibirri Waaqayyoo 61 ture;
39 30.500 jumentos, dos quais 61 eram o tributo ao S enhor ;
40 nama 16,000 keessaa gibirri Waaqayyoo 32 ture.
40 e 16.000 virgens, das quais 32 eram o tributo ao S enhor .
41 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sanatti gibira sana qooda Waaqayyoo godhee Eleʼaazaar lubichatti kenne.
41 Moisés entregou ao sacerdote Eleazar o tributo que cabia ao S enhor como oferta movida, conforme o S enhor havia ordenado.
42 Qooda walakkaa kan Museen warra duulan irraa Israaʼelootaaf qoode:
42 Metade do despojo pertencia aos israelitas, e Moisés a separou da metade que pertencia aos homens que lutaram.
43 Walakkaan boojuu kan waldaa sanaa hoolota 337,500,
43 A parte dos israelitas totalizou 337.500 ovelhas,
44 loon 36,000,
44 36.000 cabeças de gado,
45 harroota 30,500,
45 30.500 jumentos
46 nama 16,000 ture.
46 e 16.000 virgens.
47 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sanatti walakkaa saba Israaʼel irraa namaa fi horii shantama keessaa tokko fuudhee Lewwota warra itti gaafatamtoota dunkaana Waaqayyoo taʼanitti kenne.
47 Da metade entregue ao povo, Moisés separou um de cada cinquenta, tanto das pessoas como dos animais, e entregou aos levitas encarregados de cuidar do tabernáculo do S enhor . Tudo foi feito conforme o S enhor havia ordenado a Moisés.
48 Ergasiis ajajjuuwwan loltoota kumaatama irratti aangoo qaban jechuunis ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa gara Musee dhaqanii
48 Então os generais e os capitães foram a Moisés
49 akkana jedhaniin; “Nu garboonni kee loltoota ajaja keenya jala jiran lakkoofneerra; namni tokko iyyuu hin hirʼanne.
49 e disseram: “Nós, seus servos, contamos todos os homens que saíram para a batalha sob o nosso comando; nenhum de nós está faltando!
50 Kanaafuu nu waan tokkoon tokkoon keenya arganne jechuunis miʼa warqee, arboora, bitawoo, qubeelaa chaappaa, lootii fi amartii mormaa akka fuula Waaqayyoo duratti aarsaa araara nuu buusuuf kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu goonee fidneerra.”
50 Por isso, de nossa parte do despojo, apresentamos os objetos de ouro como oferta ao S enhor : braceletes, pulseiras, anéis, brincos e colares. A oferta fará expiação por nós diante do S enhor ”.
51 Musee fi Eleʼaazaar lubichis warqee fi faayawwan harkaan tolfaman hunda isaan harkaa fuudhan.
51 Moisés e o sacerdote Eleazar receberam deles as joias e os objetos artesanais de ouro.
52 Warqeen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa kennan kanneen Musee fi Eleʼaazaar akka kennaatti Waaqayyoof dhiʼeessan hundi saqilii 16,750 ulfaatu ture.
52 Ao todo, o ouro que os generais e os capitães apresentaram como oferta ao S enhor pesava por volta de duzentos quilos.
53 Tokkoon tokkoon loltootaa ofii isaaniitiif boojuu fudhatanii turan.
53 Todos os homens que participaram da batalha tomaram para si uma parte do despojo.
54 Musee fi Eleʼaazaar lubichis warqee sana ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa harkaa fuudhanii akka Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti ittiin yaadatamaniif dunkaana wal gaʼiitti ol galchan.
54 Moisés e o sacerdote Eleazar aceitaram as ofertas dos generais e dos capitães e levaram o ouro para a tenda do encontro como recordação para que o S enhor se lembrasse dos israelitas.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?