Números 17

GAZ vs NVT

Sair da comparação
NVT Nova Versão Transformadora
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
1 O S enhor disse a Moisés:
2 “Israaʼelootatti dubbadhuutii hooggantoota gosa abbootii isaanii harkaa ulee tokko tokko, walumaa galatti uleewwan kudha lama fuudhi. Maqaa tokkoo tokkoo namaas ulee isaa irratti barreessi.
2 “Diga aos israelitas que tragam doze varas de madeira, uma para cada líder das tribos de seus antepassados. Escreva o nome de cada líder em sua vara.
3 Sababii tokkoo tokkoo hoogganaa gosa abbootiitiif uleen tokko jiraachuu qabuuf maqaa Aroon ulee Lewwii irratti barreessi.
3 Na vara da tribo de Levi, escreva o nome de Arão, pois é necessário que haja uma vara para cada chefe das tribos de seus antepassados.
4 Uleewwan kanneenis dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti isiniin wal argu sana kaaʼi.
4 Coloque as varas na tenda do encontro, diante da arca que contém as tábuas da aliança, onde eu me encontro com você.
5 Uleen nama ani filadhuu ni lata; anis guungummii Israaʼeloonni yeroo hunda isinitti guunguman of irraa nan kuta.”
5 A vara daquele que eu escolher florescerá, e eu acabarei de vez com a murmuração e as queixas dos israelitas contra vocês”.
6 Museen Israaʼelootatti dubbate; hooggantoonni isaaniis uleewwan kudha lama jechuunis hooggantoota tokkoo tokkoo gosa abbootii isaaniitiif ulee tokko tokko isatti kennan; uleen Aroonis uleewwan sana keessa ture.
6 Moisés transmitiu as instruções ao povo de Israel, e cada um dos doze líderes das tribos, incluindo Arão, levou uma vara para Moisés.
7 Museenis uleewwan sana dunkaana dhuga baʼumsaa keessa fuula Waaqayyoo dura kaaʼe.
7 Então Moisés colocou as varas na presença do S enhor na tenda da aliança.
8 Guyyaa itti aanutti Museen dunkaana dhuga baʼumsaa seenee uleen Aroon kan gosa Lewwii iddoo buʼu sun isaa latu qofa utuu hin taʼin hudhee daraaree lawuzii naqate arge.
8 No dia seguinte, quando Moisés entrou na tenda da aliança, viu que a vara de Arão, que representava a tribo de Levi, tinha florescido, produzindo brotos, botões, flores e amêndoas maduras.
9 Museen ulee sana hunda fuula Waaqayyoo duraa alatti gad baasee Israaʼeloota hundatti fide. Isaanis ilaalanii tokkoon tokkoon namaa ulee ofii isaa fudhate.
9 Depois que retirou as varas da presença do S enhor , Moisés as mostrou para o povo, e cada líder tomou de volta sua vara.
10 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ulee Aroon fuudhiitii akka inni finciltootaaf mallattoo taʼuuf fuula taabota kakuu seeraa dura deebisii kaaʼi. Kun akka isaan hin dhumneef natti guungumuu isaanii sana dhaabachiisa.”
10 O S enhor disse a Moisés: “Ponha a vara de Arão permanentemente diante da arca da aliança, para que sirva de advertência aos rebeldes. Isso acabará com as queixas deles contra mim e evitará mais mortes”.
11 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe.
11 Moisés fez conforme o S enhor lhe ordenou.
12 Israaʼeloonni Museedhaan akkana jedhan; “Nu ni duuna! Nu badneerra; nu hundinuu badneerra!
12 Então os israelitas disseram a Moisés: “Estamos condenados! Vamos morrer, vamos todos morrer!
13 Namni dunkaana qulqulluu Waaqayyootti dhiʼaatu kam iyyuu ni duʼa. Nu amma duʼuuf jirraa?”
13 Quem se aproximar do tabernáculo do S enhor morrerá. Será que estamos todos condenados a morrer?”.

Ler em outra tradução

Comparar com outra