Números 12
GAZ vs ACF
1 Miiriyaamii fi Aroon sababii Museen dubartii Itoophiyaa fuudheef isaan mormuudhaan dubbachuu jalqaban; inni dubartii Itoophiyaa fuudhee tureetii.
1 E falaram Miriã e Arão contra Moisés, por causa da mulher cusita, com quem casara; porquanto tinha casado com uma mulher cusita.
2 Isaanis, “Waaqayyo karaa Musee qofaan dubbatee? Inni karaa keenyaanis dubbatee ture mitii?” jedhan. Waaqayyos dubbii kana dhagaʼe.
2 E disseram: Porventura falou o Senhor somente por Moisés? Não falou também por nós? E o Senhor o ouviu.
3 Museen namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa nama akka malee gad of qabu ture.
3 E era o homem Moisés mui manso, mais do que todos os homens que havia sobre a terra.
4 Waaqayyos yommusuma Museen, Aroonii fi Miiriyaamiin, “Isin sadanuu gara dunkaana wal gaʼiitti gad baʼaa” jedhe. Isaan sadanuus gad baʼan.
4 E logo o Senhor disse a Moisés, a Arão e a Miriã: Vós três saí à tenda da congregação. E saíram eles três.
5 Ergasii Waaqayyo utubaa duumessaa keessaan gad buʼee balbala dunkaanaa irra dhaabatee Aroonii fi Miiriyaamin waame. Jarri lachuu isatti dhiʼaannaan,
5 Então o Senhor desceu na coluna de nuvem, e se pôs à porta da tenda; depois chamou a Arão e a Miriã e ambos saíram.
6 inni akkana jedheen; “Dubbii koo dhagaʼaa:
6 E disse: Ouvi agora as minhas palavras; se entre vós houver profeta, eu, o Senhor, em visão a ele me farei conhecer, ou em sonhos falarei com ele.
7 Garuu garbichi koo Museen akkana miti;
7 Não é assim com o meu servo Moisés que é fiel em toda a minha casa.
8 Ani utuu dhoksaadhaan hin taʼin,
8 Boca a boca falo com ele, claramente e não por enigmas; pois ele vê a semelhança do Senhor; por que, pois, não tivestes temor de falar contra o meu servo, contra Moisés?
9 Aariin Waaqayyos isaan irratti bobaʼe; innis isaan dhiisee deeme.
9 Assim a ira do Senhor contra eles se acendeu; e retirou-se.
10 Yommuu duumessi sun dunkaana gubbaadhaa ol kaʼetti kunoo, Miiriyaam lamxooftee akkuma cabbii addaattee turte. Aroonis gara isheetti garagalee akka isheen lamxii qabdu arge;
10 E a nuvem se retirou de sobre a tenda; e eis que Miriã ficou leprosa como a neve; e olhou Arão para Miriã, e eis que estava leprosa.
11 innis Museedhaan akkana jedhe; “Maaloo yaa gooftaa ko, cubbuu nu gowwummaadhaan hojjenne sana nutti hin lakkaaʼin.
11 Por isso Arão disse a Moisés: Ai, senhor meu, não ponhas sobre nós este pecado, pois agimos loucamente, e temos pecado.
12 Akka gatata foon isaa gariin nyaatamee gadameessa haadha isaa keessaa baʼu tokkoo ishee hin godhin.”
12 Ora, não seja ela como um morto, que saindo do ventre de sua mãe, a metade da sua carne já esteja consumida.
13 Museen Waaqayyotti booʼee, “Yaa Waaqayyo, maaloo ishee fayyisi!” jedhe.
13 Clamou, pois, Moisés ao Senhor, dizendo: Ó Deus, rogo-te que a cures.
14 Waaqayyo akkana jedhee Museedhaaf deebii kenne; “Utuu abbaan ishee fuula isheetti tufee silaa isheen bultii torba salphina keessa turti mitii ree? Isheen bultii torba qubataan ala haa turtu; ergasii deebitee dhufuu dandeessi.”
14 E disse o Senhor a Moisés: Se seu pai cuspira em seu rosto, não seria envergonhada sete dias? Esteja fechada sete dias fora do arraial, e depois a recolham.
15 Miiriyaam bultii torba qubataan ala turte; sabni sunis hamma isheen deebitutti deemsa itti hin fufne.
15 Assim Miriã esteve fechada fora do arraial sete dias, e o povo não partiu, até que recolheram a Miriã.
16 Ergasii sabni sun Haxerootii kaʼee Gammoojjii Phaaraan keessa qubate.
16 Porém, depois o povo partiu de Hazerote; e acampou-se no deserto de Parã.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?