1 Yaa Waaqayyo, waan nurra gaʼe yaadadhu;
2 Handhuuraan keenya alagootaaf,
3 Nu ijoollee abbaa hin qabne taane;
4 Nu bishaan dhugnuuf kaffaluu qabna turre;
5 Warri nu ariʼan koomee keenya bira jiru;
6 Nu buddeena gaʼaa argachuuf jennee
7 Abbootiin keenya cubbuu hojjetanii darban;
8 Garbootatu nu bulcha;
9 Sababii goraadee gammoojjii jiruutiin
10 Gogaan keenya sababii beelaatiin
11 Xiyoon keessatti dubartoonni,
12 Ilmaan moototaa harka isaaniitiin fannifamaniiru;
13 Gaʼeessonni akka midhaan daakan dirqisiifaman;
14 Maanguddoonni karra magaalaa duraa deemaniiru;
15 Gammachuun garaa keenya keessaa badeera;
16 Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera.
17 Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe;
18 Tulluun Xiyoon kan onee hafe sun
19 Yaa Waaqayyo, ati bara baraan bulchi;
20 Ati maaliif guutumaan guutuutti nu irraanfatta?
21 Yaa Waaqayyo, akka nu deebinuuf ofitti nu deebisi;
22 Ati yoo guutumaan guutuutti nu gatuu baatte,