Jeremias 23

GAZ

1 “Tiksoota hoolota karra koo balleessanii bittinneessiniif wayyoo!” jedha Waaqayyo.

2 Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel tiksoota saba koo tiksaniin akkana jedha: “Waan isin bushaayee koo bittinneessitanii ariitanii fi eegumsa barbaachisu isaaniif hin godhiniif ani kunoo hammina isin hojjettaniif adabbii isinittin fida” jedha Waaqayyo.

3 “Ani mataan koo hambaa bushaayee kootii biyyoota ani itti isaan ariʼee ture hunda keessaa walitti qabee karra isaaniitti nan deebisa; isaanis achitti ni horu; ni baayʼatus.

4 Anis tiksoota isaan tiksan isaaniif nan ramada; isaanis siʼachi hin sodaatan; yookaan hin rifatan, yookaan isaan keessaa tokko iyyuu hin badu” jedha Waaqayyo.

5 “Barri ani itti Daawitiif damee qajeelaa tokko,

6 Bara isaa keessa Yihuudaan ni fayya;

7 “Kanaafuu barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa Israaʼeloota Gibxii baasee fide sanaa’ hin jenne tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo;

8 “Isaan garuu, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa biyya Kaabaatii fi biyyoota itti isaan ariʼee ture hunda keessaa sanyiiwwan Israaʼel baasee fide sanaa’ jedhu. Ergasiis isaan biyya ofii isaanii keessa ni jiraatu.”

9 Waaʼee raajotaa,

10 Biyyattiin ejjitootaan guutamteerti,

11 “Raajonnis, lubnis Waaqaaf hin bulan;

12 “Kanaafuu karaan isaanii mucuca taʼa;

13 “Raajota Samaariyaa gidduutti,

14 Raajota Yerusaalem gidduutti

15 Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaʼee raajotaa akkana jedha:

16 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:

17 Isaan ittuma fufanii warra na tuffataniin,

18 Garuu isaan keessaa namni dubbii isaa arguuf yookaan dhagaʼuuf

19 Kunoo bubbeen Waaqayyoo,

20 Dheekkamsi Waaqayyoo

21 Ani raajota kanneen hin ergine;

22 Isaan utuu waldaa koo keessa dhaabatanii jiraatanii

23 “Ani Waaqa fagootis malee

24 “Namni tokko iyyuu akka ani isa arguu hin dandeenyeef

25 “Ani waan raajonni maqaa kootiin soba raajan sun jedhan dhagaʼeera; isaanis, ‘Ani abjuu abjoodheera! Ani abjuu abjoodheera!’ jedhu.

26 Wanni akkasii kun hamma yoomiitti garaa raajota yaaduma ofii isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatan kanneenii keessa jiraata?

27 Raajonni kunneen abjuu walitti odeessaniin akka sabni koos akkuma abbootiin isaanii Baʼaalin waaqeffachuudhaan maqaa koo irraanfatanii turan sana maqaa koo irraanfachiisuu yaadu.

28 Raajiin abjuu qabu abjuu isaa haa dubbatu; namni dubbii koo qabu immoo amanamummaadhaan haa dubbatu. Cidiin midhaan irraa maal qaba?” jedha Waaqayyo.

29 “Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?” jedha Waaqayyo.

30 “Kanaafuu ani kunoo raajota dubbii koo wal irraa hatan sanaan nan morma” jedha Waaqayyo.

31 “Kunoo ani raajota afaanuma isaaniitiin, ‘Waaqayyo akkana jedha’ jedhaniin nan morma” jedha Waaqayyo.

32 “Ani dhugumaan warra abjuu sobaa raajaniin nan morma” jedha Waaqayyo, “Isaan soba itti odeessanii saba koo karaa irraa balleessu; ani garuu isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne. Isaan gonkumaa saba kana hin fayyadan” jedha Waaqayyo.

33 “Yoo sabni kun yookaan raajiin tokko yookaan lubni tokko, ‘Baʼaan Waaqayyoo maal?’ jedhee si gaafatutti, ati immoo, ‘Baʼaa maalii? Ani sin gata jedha Waaqayyo’ jedhiin.

34 Yoo raajiin tokko yookaan lubni tokko yookaan namni kam iyyuu, ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha,’ jedhe, ani nama sanaa fi warra mana isaa jiraatan nan adaba.

35 Tokkoon tokkoon namaa michuu isaatiin yookaan fira isaatiin, ‘Deebiin Waaqayyo kenne maali?’ Yookaan, ‘Waaqayyo maal dubbata?’ jechuu qaba.

36 Egaa isin lammata, ‘Baʼaa Waaqayyoo,’ jettanii dubbachuu hin qabdan; dubbiin nama hundaa baʼaa ofii isaa taʼee isin immoo dubbii Waaqa keenyaa, Waaqa jiraataa, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu sanaa jalʼistuutii.

37 Ati ittuma fuftee raajii tokkoon, ‘Deebiin Waaqayyo siif kenne maali?’ Yookaan ‘Waaqayyo maal dubbate?’ jetta.

38 Isin, ‘Baʼaan Waaqayyo kanaa dha’ yoo jettan iyyuu, Waaqayyo akkana jedha; ani ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha’ jechuu hin qabdan isiniin jedhu iyyuu isin jecha, ‘Baʼaan Waaqayyoo kanaa dha’ jedhutti fayyadamtu.

39 Kanaafuu ani dhugumaan isin irraanfadhee magaalaa isinii fi abbootii keessaniif kenne wajjin fuula koo duraa isin nan gata.

40 Salphina bara baraa jechuunis qaanii bara baraa kan hin irraanfatamnes isinitti nan fida.”

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado