1 Waaqayyo akkana jedha: “Gara masaraa Mootii Yihuudaatti gad buʼiitii akkana jedhii ergaa kana achitti labsi;
2 ‘Yaa Mootii Yihuudaa, ati kan teessoo Daawit irra teessu, ati, qondaaltonni keetii fi sabni kee warri karra kanaan ol galtan dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
3 Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa.
4 Yoo isin ajajawwan kanneen sirriitti eegdan mootonni teessoo Daawit irra taaʼan, qondaaltotaa fi saba isaanii wajjin gaarii moototaatii fi fardeen yaabbatanii karrawwan masaraa mootummaa kanaan ol galu.
5 Yoo isin ajajawwan kanneen eeguu baattan garuu akka masaraan mootummaa kun barbadeeffamu ani maqaa kootiin kakadheera, jedha Waaqayyo.’ ”
6 Waaqayyo waaʼee masaraa mootii Yihuudaa akkana jedhaatii:
7 Ani balleessitoota tokkoon tokkoon isaanii
8 “Namoonni biyya hedduus yommuu magaalaa kana biraan darbanitti, ‘Waaqayyo maaliif magaalaa guddaa kanatti waan akkanaa fide?’ jedhanii wal gaafatu.
9 Isaanis, ‘Sababii isaan kakuu Waaqayyo Waaqa isaanii dhiisanii waaqota biraa waaqeffatanii tajaajilaniifii dha’ jedhanii deebisu.”
10 Isin nama duʼeef hin booʼinaa yookaan hin gaddinaa;
11 Waaqayyo waaʼee Shaluum ilma Yosiyaas kan qooda abbaa isaa mootii Yihuudaa taʼee garuu iddoo kanaa deeme sanaa akkana jedhaatii: “Inni gonkumaa hin deebiʼu.
12 Inni iddoo boojiʼamee itti geeffame sanatti duʼa; biyya kanas lammaffaa hin argu.”
13 “Nama ollaa isaa utuu gatii humna isaa hin kenniniif
14 Inni, ‘Ani masaraa guddaa tokko,
15 “Birbirsa hedduu qabaachuun kee mootii si taasisaa?
16 Inni hiyyeeyyii fi rakkattootaaf ni falme;
17 Iji keetii fi garaan kee garuu
18 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa, ilma Yosiyaas akkana jedha:
19 Inni awwaala harree argata,
20 “Libaanoonitti ol baʼii iyyi;
21 Ani yeroo ati nagaa qabdutti si akeekkachiiseen ture;
22 Tiksoota kee hunda bubbeen fudhatee sokka;
23 Ati kan Libaanoon keessa jiraattu,
24 “Akkuma ani dhugumaan jiraataa taʼe” jedha Waaqayyo; “Yaa Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa, ilma Yehooyaaqiim, yoo ati qubeelaa chaappaa harka koo mirgaa taatee illee ani baaseen si gata.
25 Ani warra lubbuu kee galaafachuu barbaadanitti, warra ati sodaattu jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi Baabilonotatti dabarsee sin kenna.
26 Ani siʼii fi haadha si deesse biyya biraatti, biyya tokkoon keessan iyyuu itti hin dhalatinitti isin nan darbadhaa; isin lachuu achitti duutu.
27 Isin biyya itti deebiʼuu hawwitanitti gonkumaa hin deebitan.”
28 Yehooyaakiin kun nama akkuma okkotee cabaa tuffatame,
29 Yaa lafaa, yaa lafaa, yaa lafaa,
30 Waaqayyo akkana jedha: