1 Dubbiin Waaqayyoo waaʼee hongee akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
2 “Yihuudaan ni boossi;
3 Namoonni gurguddoonni hojjettoota isaanii bishaan waraabuuf ergatu;
4 Sababii biyyattii keessaa
5 Sababii margi hin jirreef,
6 Harroonni diidaa lafa ol kaʼaa qullaa irra ijaajjanii
7 Yaa Waaqayyo, cubbuun keenya nutti dhugaa baʼu iyyuu
8 Yaa abdii Israaʼel,
9 Ati maaliif akka nama waan godhu wallaale tokkoo,
10 Waaqayyo waaʼee saba kanaa akkana jedha:
11 Waaqayyo akkana naan jedhe; “Akka sabni kun nagaan jiraatu na hin kadhatin.
12 Yoo isaan sooman iyyuu ani iyya isaanii hin dhagaʼu; yoo isaan aarsaa gubamuu fi aarsaa midhaanii dhiʼeessan iyyuu ani hin fudhadhu. Qooda kanaa ani goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan balleessa.”
13 Ani garuu akkana nan jedhe; “Wayyoo yaa Waaqayyo Gooftaa, raajonni saba kanaan, ‘Isin goraadee hin argitan yookaan hin beeloftan. Ani dhugumaan nagaa dhuma hin qabne iddoo kanatti isiniif nan kenna’ jedhu.”
14 Amma illee Waaqayyo akkana naan jedhe; “Raajonni sun maqaa kootiin soba raaju. Ani isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne yookaan isaanitti hin dubbanne. Isaan mulʼataa fi raajii sobaa, waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi waan ofuma isaaniitii yaadan isinitti himu.
15 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee raajota maqaa isaatiin raajan sanaa akkana jedha: ani isaan hin ergine; isaan garuu, ‘Goraadeen yookaan beelli tokko iyyuu biyya kana hin tuqu’ jedhu. Raajonni sun iyyuu goraadee fi beelaan dhumu.
16 Namoonni isaan raajii dubbataniif sunis beelaa fi goraadeedhaan daandiiwwan Yerusaalem irratti harcaafamu. Namni isaan yookaan niitota isaanii, ilmaan isaanii yookaan intallan isaanii awwaalu tokko iyyuu hin jiru. Ani badiisa isaaniif malu isaanitti nan dhangalaasaatii.
17 “Akkana jedhii dubbii kana isaanitti dubbadhu:
18 Ani yoon baadiyyaa dhaqe,
19 Ati Yihuudaa guutumaan guutuutti gatteertaa?
20 Yaa Waaqayyo, nu hammina keenyaa fi
21 Ati maqaa keetiif jedhiitii nu hin tuffatin;
22 Waaqota Namoota Ormaa kanneen faayidaa hin qabne sana keessaa // tokko iyyuu bokkaa ni roobsaa?