1 “Ati hokkoo qurxummiitiin Lewaataan harkiftee baasuu
2 Funyaan isaa keessa funyoo baasuu
3 Inni akka ati isaaf araaramtuuf guddisee si kadhataa?
4 Akka ati bara baraan garbicha godhattuuf
5 Ati akka simbirroota wajjin taphattu isa wajjin ni taphattaa?
6 Daldaltoonni isa irratti gatii wal dubbatuu?
7 Ati gogaa isaa xiyyaan,
8 Yoo harka keetiin isa tuqxe, walʼaansoo sana ni yaadatta;
9 Isa moʼanna jedhanii abdachuun soba;
10 Namni isa dammaqsuuf garaa qabaatu tokko iyyuu hin jiru.
11 Namni waa natti kennatee ani deebisuufii qabu eenyu?
12 “Ani waaʼee harkaa fi miilla isaa,
13 Eenyutu uffata inni irraan uffatu irraa baasa?
14 Eenyutu balbala afaan isaa
15 Dugdi isaa gaachanawwan tarree galan,
16 tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaa
17 Isaan jabeeffamanii walitti qabsiifaman;
18 Haxxissoon isaa balaqqeessa ifaa baasa;
19 Afaan isaa keessaa arraba ibiddaatu baʼa;
20 Akkuma aara xuwwee ibidda shambaqqoo
21 Hafuurri afaan isaatii baʼu cilee ibiddaa qabsiisa;
22 Morma isaa keessa jabinatu jira;
23 Dachaan foon isaa wal qabateera;
24 Lapheen isaa akka kattaa jabaata;
25 Yeroo inni ol kaʼutti, jajjaboonni ni sodaatu;
26 Goraadeen itti buʼu illee homaa isa hin godhu;
27 Inni sibiila akka cidiitti,
28 Xiyyi isa hin baqachiisu;
29 Bokkuun isaaf akkuma cidii ti;
30 Garaan isaa jalli akka cabaa okkotee kan qara qabuu ti;
31 Inni tuujuba akka okkotee dafquutti koqsiisa;
32 Inni duuba isaatiin akka karaan ifu ni godha;
33 Uumamni homaa hin sodaanne,
34 Inni warra of tuulu ni tuffata;