1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
2 “Isin hamma yoomiitti na dhiphistanii
3 Amma siʼa kudhan na arrabsitaniirtu;
4 Yoo ani dhugumaan karaa irraa goree jiraadhe,
5 Yoo isin dhugumaan anaa olitti of guddiftanii
6 akka Waaqni na miidhee
7 “ ‘Ani miidhameera!’ jedhee iyyadhu illee deebii hin argadhu;
8 Akka ani hin dabarreef inni karaa koo cufeera;
9 Ulfina koo narraa mulqeera;
10 Inni hamma ani badutti gama hundaan na diiga;
11 Dheekkamsi isaa natti bobaʼa;
12 Loltoonni isaa humnaan dhufanii
13 “Inni obboloota koo narraa fageesseera;
14 Firoonni koo na dhiisaniiru;
15 Keessumoonni mana koo jiranii fi
16 Hojjetaa koo nan waama;
17 Hafuurri koo niitii kootti illee jibbisiisaa dha;
18 Ijoolleen xixinnoon iyyuu na tuffatu;
19 Michoonni koo kanneen walitti dhiʼaannu hundi na balfan;
20 Ani gogaa fi lafeedha malee homaa miti;
21 “Garaa naa laafaa, yaa michoota koo garaa naa laafaa;
22 Isin maaliif akkuma Waaqni na ariʼu sana na ariitu?
23 “Maaloo utuu dubbiin koo barreeffamee jiraatee!
24 Utuu sibiilaan kattaa irratti barreeffamee
25 Ani akka furiin koo jiraataa taʼe,
26 Erga gogaan koo badee booddee,
27 ani mataan koo isa nan arga;
28 “Yoo isin, ‘Sababii hiddi rakkina sanaa isa keessa jiruuf
29 sababii dheekkamsi goraadeedhaan adabamuu fiduuf