Jonas 3

GAZ

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee yeroo lammaffaa gara Yoonaas dhufe:

2 “Gara Nanawwee magaalaa guddittii sanaa dhaqiitii ergaa ani sitti himu kana itti lallabi.”

3 Yoonaasis dubbii Waaqayyootiif ajajamee Nanawwee dhaqe. Yeroo sanatti Nanawween magaalaa akka malee guddoo turte; keessa baʼanii darbuufis guyyaa sadii fudhata ture.

4 Yoonaas imala guyyaa tokkoo deemuudhaan magaalattiitti gale. Akkana jedhees lallabe: “Nanawween guyyaa afurtama keessatti ni garagalfamti.”

5 Warri Nanawwees Waaqatti amanan. Soomas labsanii hundi isaanii xinnaa fi guddaan uffata gaddaa uffatan.

6 Yommuu oduun kun mooticha Nanawwee gaʼetti inni teessoo isaa irraa kaʼee uffata mootii of irraa baase; wayyaa gaddaas uffatee daaraa keessa taaʼe.

7 Ergasii akkana jedhee Nanawwee keessatti labsii labse:

8 Garuu namnis, horiinis wayyaa gaddaa haa uffatan. Namni hundinuu dafee Waaqa isaa haa waammatu. Isaan karaa isaanii hamaa sanaa fi yakka harki isaanii hojjetu irraa haa deebiʼan.

9 Maaltu beeka? Tarii Waaqni gaabbee garaa nuu laafee dheekkamsa isaa sodaachisaa sana nurraa deebisee, nuus badii oolla taʼaatii.”

10 Waaqnis akka isaan waan hamaa irraa deebiʼan hojii isaanii arge; Waaqnis garaa laafeefii balaa isaanitti erguuf yaade sana isaanitti fiduu dhiise.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado