Isaías 66

GAZ

1 Waaqayyo akkana jedha:

2 Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?

3 Garuu namni korma qalu kam iyyuu

4 Kanaafuu ani gidiraa isaaniif nan fila;

5 Warri dubbii isaatiin hollattan

6 Huursaa magaalaa keessaa sana dhagaʼaa;

7 “Isheen utuu hin ciniinsifatin,

8 Eenyutu takkumaa waan akkasii dhagaʼe?

9 Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee

10 “Isin warri ishee jaallattan hundi,

11 Isin harma ishee kan nama

12 Waaqayyo akkana jedhaatii:

13 Akkuma haati daaʼima ishee urursitu sana,

14 Isin yommuu waan kana argitanitti garaan keessan ni gammada;

15 Kunoo, Waaqayyo ibiddaan ni dhufa;

16 Waaqayyo ibiddaa fi goraadee isaatiin

17 “Warri iddoo biqiltuu seenuuf jedhanii, isa warra foon booyyee, foon hantuutaatii fi wantoota jibbisiisoo biraa nyaatan gidduutti argamu duukaa buʼuudhaan addaan of baasanii of qulqulleessan wajjin barbadeeffamu” jedha Waaqayyo.

18 “Ani waanan hojii fi yaada isaanii beekuuf, sabootaa fi afaanota hunda walitti qabuuf jedhee nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu.

19 “Ani gidduu isaanii mallattoo nan kaaʼa; hambaawwan keessaa namoota tokko tokko gara sabootaa jechuunis gara Tarshiish, Phuulii fi gara Luud warra xiyyaan lolan, gara Tuubaalii fi Yaawaan akkasumas gara biyyoota bishaan gidduu fagoo jiran kanneen waaʼee koo hin dhagaʼinii yookaan ulfina koo hin arginiitti nan erga. Isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu.

20 Isaanis saboota hunda keessaa obboloota keessan hunda akkuma aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokkootti fardeeniin, gaariiwwaniin, harrootaan, gaangolii fi gaalawwaniin gara tulluu koo qulqulluutti, gara Yerusaalem ni fidu” jedha Waaqayyo. “Isaanis akkuma Israaʼeloonni miʼa akka seeraatti qulqulluu taʼeen aarsaa midhaan isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidan sanatti jara fidu.

21 Anis isaan keessaa namoota tokko tokko akka isaan lubootaa fi Lewwota taʼaniif nan filadha” jedha Waaqayyo.

22 “Akkuma samiin haaraanii fi lafti haaraan ani uumu itti fufanii fuula koo dura jiraatan sana maqaa fi sanyiin keessan itti fufanii jiraatu” jedha Waaqayyo.

23 “Ayyaana Baatii tokkoo hamma Ayyaana Baatii kaaniitti, Sanbata tokkoo hamma Sanbata kaaniittis sanyiin namaa hundi dhufee fuula koo duratti ni sagada” jedha Waaqayyo.

24 “Isaanis gad baʼanii reeffa warra natti fincilanii ni ilaalu; raammoon isaanii hin duʼu; ibiddi isaaniis hin dhaamu; isaanis sanyii namaa hundaaf jibbisiisoo taʼu.”

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado