Isaías 6

GAZ

1 Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge.

2 Isaa olittis suraafeloota tokkoon tokkoon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabantu ture; isaanis qoochoo lamaan fuula isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan miilla isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan immoo ni barrisu turan.

3 Isaanis:

4 Sagalee isaaniitiin hundeen dhaaba balbalaa ni raafame; manni qulqullummaas aaraan guutame.

5 Anis akkana jedheen iyye; “Anaaf wayyoo! Ani bade! Ani nama hidhii xuraaʼaa kan namoota hidhii xuraaʼaa qaban gidduu jiraatuudhaatii; iji koo Mooticha, Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu argeeraatii.”

6 Suraafeloota keessaa inni tokko cilee bobaʼu kan qabduudhaan iddoo aarsaa irraa fuudhe tokko harkatti qabatee gara kootti barrise.

7 Innis cilee sanaan afaan koo tuqee, “Ilaali, wanni kun hidhii kee tuqeera; balleessaan kee sirraa fuudhameera; cubbuun kees siif dhiifameera” jedhe.

8 Anis sagalee Gooftaa kan, “Ani eenyunan ergadha? Eenyutu nuuf deema?” jedhu nan dhagaʼe.

9 Innis, “Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi:

10 Qalbii saba kanaa doomsi;

11 Ani, “Yaa Gooftaa, wanni kun hamma yoomiitti akkana taʼa?” nan jedhe.

12 hamma Waaqayyo nama hunda fageessee

13 Kudhan keessaa tokko yoo hafe iyyuu,

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado