1 Raajii waaʼee Xiiroos:
2 Isin jiraattoonni qarqara galaanaatii fi
3 Midhaan Shihoor
4 Yaa Siidoonaa, yaa daʼannoo galaanaa qaanaʼi;
5 Yeroo oduun gara Gibxi dhufutti
6 Isin gara Tarshiishitti ceʼaa;
7 Magaalaa dulloomtuun durii,
8 Xiiroos ishee gonfoo nama gonfachiiftu
9 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu
10 Yaa Intala Tarshiish,
11 Waaqayyo harka isaa galaana irra qabee
12 Innis akkana jedha; “Yaa Durba Siidoonaa,
13 Mee biyya Baabilonotaa ilaali;
14 Yaa dooniiwwan Tarshiish wawwaadhaa;
15 Yeroo sanaa jalqabee Xiiroos hamma waggaa torbaatamaatti ni dagatamti; kunis bara jireenya mootii tokkoo ti. Dhuma waggaa torbaatamman sanaatti garuu akkuma sirba sagaagaltuu tokkoof sirbame sanaatti Xiiroos irra gaʼa:
16 “Yaa sagaagaltuu irraanfatamtuu,
17 Dhuma waggaa torbaatamaatti Waaqayyo Xiiroosin ni yaadata; isheenis gara daldala isheetti deebitee mootummoota fuula lafaa irra jiran hunda wajjin sagaagalti.
18 Taʼus buʼaan isheetii fi wanni isheen argattu Waaqayyoof addaan baafama; hin kuufamu; walittis hin qabamu. Buʼaan ishees warra fuula Waaqaa dura jiraataniif nyaata gaʼaa fi uffata babbareedaa taʼa.