Gênesis 27
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Yisihaaq dulloomee yeroo iji isaa arguu dadhabetti ilma isaa hangafa Esaawun ofitti waamee, “Yaa ilma koo” jedheen.
1 Isaac envelhecera e seus olhos enfraqueceram-se, de modo que não podia ver. Chamou Esaú, seu filho primogênito, e disse-lhe: "Meu filho!" " Eis-me aqui!", respondeu ele.
2 Yisihaaq akkana jedhe; “Kunoo, ani dulloomeera; guyyaa duʼa koo hin beeku.
2 Isaac disse: "Tu vês, estou velho e não sei quando vou morrer.
3 Kanaafuu maaloo miʼa adamoo keetii jechuunis korojoo xiyya keetii fi iddaa kee qabadhuutii gara dirreetti baʼiitii bineensa naa adamsi.
3 Toma as tuas armas, tua aljava e teu arco, vai ao campo e mata-me uma caça.
4 Akka ani utuun hin duʼiniin dura si eebbisuuf, nyaata miʼaawaa gosa ani jaalladhu naa qopheessiitii akka ani nyaadhuuf naa dhiʼeessi.”
4 Prepara-me depois um prato suculento, como sabes que gosto, e traze-mo para que o coma e minha alma te abençoe antes que eu morra."
5 Yommuu Yisihaaq ilma isaa Esaawutti dubbatetti Ribqaan ni dhaggeeffatti turte. Yeroo Esaawu bineensa adamsee fiduuf gara dirreetti gad baʼetti,
5 {Ora, Rebeca ouviu atentamente enquanto Isaac falava ao seu filho Esaú.} E Esaú partiu para o campo, a fim de matar e trazer a caça.
6 Ribqaan ilma ishee Yaaqoobiin akkana jette; “Kunoo, ani utuu abbaan kee obboleessa kee Esaawutti dubbatuu dhagaʼeera;
6 Rebeca disse a Jacó, seu filho: "Acabo de ouvir teu pai dizer ao teu irmão Esaú para que lhe traga uma caça
7 innis, ‘Akka ani utuun hin duʼin fuula Waaqayyoo duratti si eebbisuuf bineensa adamsii fidiitii akka ani nyaadhuuf nyaata miʼaawu naa qopheessi’ jedheen.
7 e lhe prepare um bom prato, a fim de comer e o abençoar diante do Senhor antes de morrer.
8 Egaa yaa ilma ko, akkuma ani si ajajutti dubbii koo dhagaʼi.
8 Ouve-me, pois, meu filho, e faze o que te vou dizer.
9 Ani akkan abbaa keetiif akkuma inni jaallatutti nyaata miʼaawaa qopheessuuf gara bushaayee dhaqiitii ilmoolee reʼee filatamoo lama naa fidi.
9 Vai ao rebanho e traze-me dois belos cabritos. Prepararei com eles um prato suculento para o teu pai, como ele gosta,
10 Akka inni nyaatee utuu hin duʼin si eebbisuuf abbaa keetiif nyaata dhiʼeessi.”
10 tu lho levarás e ele comerá, a fim de que te abençoe antes de morrer."
11 Yaaqoobis haadha isaa Ribqaadhaan akkana jedhe; “Kunoo, obboleessi koo Esaawu dabbasaaʼaa dha; ani garuu rifeensa hin qabu.
11 "Mas, respondeu Jacó à sua mãe, Esaú, meu irmão, é peludo, enquanto eu sou de pele lisa.
12 Yoo abbaan koo na qaqqabatee waan ani isa gowwoomse seʼe, ani qooda eebbaa abaarsa ofitti nan fida.”
12 Se meu pai me tocar, passarei aos seus olhos por um embusteiro e atrairei sobre mim uma maldição em lugar de bênção."
13 Haati isaa immoo, “Yaa ilma ko, abaarsi sun naaf haa taʼu; ati waanuma ani siin jedhe godhi; dhaqiitii reʼoota sana naa fidi” jetteen.
13 "Tomo sobre mim esta maldição, meu filho, disse sua mãe. Ouve-me somente, e vai buscar o que te digo."
14 Innis dhaqee ilmoolee reʼootaa sana qabee haadha isaatiif fide; isheen immoo akkuma abbaan isaa jaallatutti nyaata miʼaawu qopheessiteef.
14 Jacó foi e trouxe os dois cabritos, com os quais sua mãe preparou um prato suculento, como seu pai gostava.
15 Ergasiis Ribqaan uffata Esaaw ilma ishee hangaftichaa kan ishee bira ture keessaa kan hunda irra bareedu fuutee Yaaqoob ilma ishee isa quxisuu sanatti uffifte.
15 Escolheu as mais belas vestes de Esaú, seu filho primogênito, que tinha em casa, e revestiu com elas Jacó, seu filho mais novo.
16 Harka isaatii fi morma isaa iddoo rifeensa hin qabnetti gogaa reʼootaa uffifte.
16 Cobriu depois suas mãos, assim como a parte lisa do pescoço, com a pele dos cabritos,
17 Ergasiis nyaata miʼaawaa fi buddeena qopheessitee turte sana ilma ishee Yaaqoobitti kennite.
17 e pôs-lhe nas mãos o prato suculento e o pão que tinha preparado.
18 Innis gara abbaa isaa dhaqee, “Yaa abbaa koo” jedhe.
18 Jacó foi para junto do seu pai e disse-lhe: "Meu pai!" "Eis-me aqui! Quem és, meu filho?"
19 Yaaqoobis abbaa isaatiin akkana jedhe; “Ani Esaawu ilma kee isa hangafticha; akkuma ati natti himte sana godheera; akka na eebbiftuuf mee ol jedhiitii waan ani adamsee fide nyaadhu.”
19 Jacó respondeu: "Eu sou Esaú, teu primogênito; fiz o que me pediste. Levanta-te, assenta-te e come de minha caça, a fim de que tua alma me abençoe."
20 Yisihaaq ilma isaatiin, “Yaa ilma ko, akkamitti akkana daftee argatte?” jedhe.
20 "Como encontraste caça tão depressa, meu filho?" "É que o Senhor, teu Deus, fez que ela se apresentasse diante de mim."
21 Yisihaaqis Yaaqoobiin, “Akka ani si qaqqabadhee ilma koo Esaaw taʼuu fi taʼuu baachuu kee beekuuf mee as dhiʼaadhu” jedhe.
21 "Aproxima-te, então, meu filho, para que eu te apalpe e veja se, de fato, és o meu filho Esaú."
22 Yaaqoobis abbaa isaa Yisihaaqitti dhiʼaate; abbaan isaas isa qaqqabatee, “Sagaleen kun sagalee Yaaqoob; harki kun garuu harka Esaawu” jedhe.
22 Jacó aproximou-se de Isaac, seu pai, que o apalpou e disse: "A voz é a voz de Jacó, mas as mãos são as mãos de Esaú."
23 Waan harki isaa akkuma harka Esaawu rifeensa qabuuf Yisihaaq gargar baasee isa beekuu hin dandeenye; kanaafuu isa eebbise.
23 E não o reconheceu, porque suas mãos estavam peludas como as do seu irmão Esaú. E abençoou-o.
24 Innis, “Ati dhugumaan ilma koo Esaawuu?” jedhee gaafate.
24 "Tu és bem o meu filho Esaú?" Disse-lhe ele: "Sim."
25 Yisihaaqis, “Yaa ilma ko, akka ani nyaadhee si eebbisuuf mee waan adamsitee fidde sana naa kenni” jedhe.
25 "{Então} serve-me, para que eu coma de tua caça, meu filho, e minha alma te abençoe." Jacó serviu-lhe e ele comeu; e trouxe-lhe também vinho, do qual ele bebeu.
26 Abbaan isaa Yisihaaqis, “Yaa ilma koo as kottuu na dhungadhu” jedheen.
26 Então Isaac, seu pai, disse-lhe: "Aproxima-te, meu filho, e beija-me."
27 Innis itti dhiʼaatee isa dhungate. Yisihaaqis foolii wayyaa isaa suufee isa eebbise; akkanas jedhe;
27 E, aproximando-se Jacó para lhe dar um beijo, Isaac sentiu o perfume de suas vestes, e o abençoou nestes termos. "Sim. o odor de meu filho é como o odor de um campo que o Senhor abençoou.
28 Waaqni fixeensa samii,
28 Deus te dê o orvalho do céu e a gordura da terra, uma abundância de trigo e de vinho!
29 Saboonni si haa tajaajilan;
29 Sirvam-te os povos e prostrem-se as nações diante de ti! Sê o senhor dos teus irmãos, e curvem-se diante de ti os filhos de tua mãe! Maldito seja quem te amaldiçoar e bendito quem te abençoar!"
30 Akkuma Yisihaaq Yaaqoobin eebbisee fixee Yaaqoob immoo fuula abbaa isaa fuula Yisihaaq duraa gad baʼeen, obboleessi isaa Esaawu adamoodhaa dhufee ol gale.
30 Apenas Isaac acabara de abençoar Jacó, e este saíra de junto do seu pai, chegou Esaú da caça.
31 Innis nyaata miʼaawaa qopheessee abbaa isaatiif fide; abbaa isaatiinis, “Yaa abbaa ko, ati akka na eebbiftuuf ol jedhiitii waan ani ilmi kee adamsee fide nyaadhu” jedhe.
31 Preparou também ele um prato suculento e trouxe-o ao seu pai, dizendo: "Levanta-te, meu pai, e come da caça do teu filho, a fim de que tua alma me abençoe."
32 Abbaan isaa Yisihaaqis, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate.
32 "Quem és tu?", perguntou-lhe seu pai Isaac. "Eu sou o teu filho primogênito Esaú."
33 Yommus Yisihaaq akka malee hollachaa, “Yoos namni waa adamsee naa fide eenyu ree? Ani utuu ati hin dhufin hunduma isaa nyaadheen isa eebbise; inni dhugumaan ni eebbifama!” jedhe.
33 Então Isaac, tomado de emoção violenta, exclamou: "Quem é, pois, aquele que foi à caça e me trouxe o prato que eu comi antes que tu voltasses? Eu o abençoei, e ele será bendito."
34 Esaawu yommuu waan abbaan isaa dubbate dhagaʼetti, abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhee sagalee ol fudhatee hiqqifatee booʼe.
34 Ouvindo estas palavras de seu pai, Esaú soltou um grito cheio de amargura, e disse-lhe: "Abençoa-me também a mim, meu pai!"
35 Yisihaaq garuu, “Obboleessi kee haxxummaadhaan dhufee eebba kee fudhateera” jedhe.
35 "Teu irmão, respondeu-lhe Isaac, veio, fraudulentamente, tomar a tua bênção."
36 Esaawus, “Maqaan isaa iyyuu dhugumaan Yaaqoob jedhama mitii? Inni kana wajjin yeroo lama na gowwoomsuu isaa ti; jalqabatti hangafummaa koo narraa fudhate; amma immoo eebba koo fudhateera” jedhe. Ergasiis inni, “Ati eebba tokko illee naa hin hambifnee ree?” jedhee gaafate.
36 Esaú disse então: "Será porque ele se chama Jacó que me suplantou já duas vezes? Tirou-me meu direito de primogenitura, e eis que agora me rouba minha bênção!" E ajuntou: "Não reservaste, porventura, uma bênção também para mim?"
37 Yisihaaq immoo akkana jedhee Esaawuuf deebise; “Kunoo ani akka inni sirratti gooftaa taʼuu fi akka firoonni isaa hundi tajaajiltoota isaa taʼan godheera; akka inni midhaanii fi daadhii wayinii qabaatuufis isa eebbiseera. Egaa yaa ilma koo ani maal siif gochuun dandaʼa?”
37 Isaac respondeu-lhe: "Eu o constituí teu senhor, e dei-lhe todos os seus irmãos por servos e o estabeleci na posse do trigo do vinho. Que posso ainda fazer por ti, meu filho?"
38 Esaawus abbaa isaatiin, “Yaa abbaa ko, ati eebbuma tokko qofa qabdaa? Yaa abbaa ko, anas eebbisi!” jedhe. Esaawus sagalee ol fudhatee booʼe.
38 Esaú disse ao seu pai: "Então só tens uma bênção, meu pai? Abençoa-me também a mim, meu pai!" E pôs-se a chorar.
39 Abbaan isaa Yisihaaqis akkana jedhee deebiseef;
39 Isaac tomou a palavra: "Eis, disse ele, que a tua habitação será desprovida da gordura da terra e do orvalho que desce dos céus.
40 Ati goraadeedhaan jiraatta;
40 Viverás de tua espada, servindo o teu irmão, mas, se te libertares, quebrarás o seu jugo de cima do teu pescoço."
41 Esaawu sababii abbaan isaa Yaaqoobin eebbiseef Yaaqoobitti haaloo qabate. Innis garaa isaatti, “Yeroon itti abbaa kootiif booʼan dhiʼaateera; anis yeroo sana obboleessa koo Yaaqoobin nan ajjeesa” jedhee yaade.
41 Esaú concebeu ódio por Jacó por causa da bênção que lhe tinha dado seu pai e disse em seu coração: "Virão os dias do luto de meu pai, e matarei meu irmão Jacó."
42 Yommuu wanni Esaawu ilmi ishee hangaftichi jedhe isheetti himametti Ribqaan Yaaqoob ilma ishee quxisuu waamsiftee akkana jetteen; “Kunoo, obboleessi kee Esaawu si ajjeesee garaa isaa qabbaneeffachuu barbaada.
42 E foram referidas a Rebeca estas palavras do seu filho primogênito. Ela mandou chamar seu filho mais novo, Jacó, e disse-lhe: "Teu irmão Esaú quer matar-te para se vingar de ti.
43 Kanaafuu yaa ilma koo na dhagaʼi; kaʼiitii gara obboleessa koo Laabaa kan Kaaraan keessa jiraatu sanaatti baqadhu.
43 Escuta-me, pois, meu filho: vai, foge para junto de Labão, meu irmão, em Harã;
44 Hamma aariin obboleessa keetii qabbanaaʼutti yeroo gabaabaaf isa bira turi.
44 fica em casa dele algum tempo, até que se acalme a cólera do teu irmão.
45 Yommuu aariin obboleessa keetii qabbanaaʼee innis waan ati isa goote sana irraanfatutti ani dhaamsa sitti ergee achii sin fichisiisa. Ani maaliifan guyyaa tokkotti isin lachuu dhaba?”
45 Assim que passar a sua cólera e tiver ele esquecido do que lhe fizeste, mandar-te-ei buscar. Por que perderia eu vocês dois num só dia?"
46 Ribqaanis Yisihaaqiin akkana jette; “Ani sababii dubartoota Heetotaa kanneeniif jiraachuu jibbeera. Yoo Yaaqoob dubartoota biyya kanaa jechuunis dubartoota Heetotaa kanneen keessaa niitii fuudhe, jireenyi koo maal anaaf godha ree!”
46 Rebeca disse a Isaac: "Estou desgostosa da vida por causa das filhas de Het. Se Jacó tomar uma mulher entre as filhas de Het, para que ainda viver?"
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Gênesis 27, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.