Deuteronômio 32

GAZ

1 Yaa samiiwwan, dhagaʼaa; ani nan dubbadha;

2 Barsiisni koo akka bokkaa haa roobu;

3 Ani maqaa Waaqayyoo nan labsa.

4 Inni Kattaa dha; hojiin isaa mudaa hin qabu;

5 Isaan hammina isatti hojjetaniiru;

6 Yaa saba gowwaa, kan ogummaa hin qabne,

7 Baroota durii yaadadhu;

8 Waaqni Waan Hundaa Olii yommuu sabootaaf dhaala isaaniif kennetti,

9 Qoodni Waaqayyoo saba isaa ti;

10 Inni lafa gammoojjii, lafa onaatii fi

11 akkuma risaan mana ishee diigdee

12 Waaqayyo qofatu isa geggeesse;

13 Inni lafa ol kaʼaa irra isa burraaqsise;

14 dhadhaa fi aannan saawaanii fi bushaayee,

15 Yishuruun ni gabbate; ni dhiite;

16 Isaan waaqota ormaatiin isa hinaafsisan;

17 Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif,

18 Ati Kattaa si dhalche gante;

19 Waaqayyo waan kana argee isaan tuffate;

20 Innis, “Ani fuula koo isaan duraa nan dhokfadha;

21 Isaan waan Waaqa hin taʼiniin na hinaafsisan;

22 Dheekkamsa kootiin ibiddi qabsiifameeraatii;

23 “Ani waan hamaa isaan irra nan tuula;

24 Beela hamaa, golfaa nyaatee nama fixuu fi

25 Karaa guddaa irratti goraadeen warra ijoollee hin qabne isaan godha;

26 Anis isaan nan bittinneessa;

27 Garuu akka diinonni isaanii of tuulanii,

28 Isaan saba qalbii hin qabne,

29 Isaan utuu ogeeyyii taʼanii waan kana hubatanii

30 Yoo Kattaan isaanii isaan gurgure malee,

31 Kattaan isaanii akka kattaa keenyaa miti;

32 Wayiniin isaanii wayinii Sodoomiitii fi

33 Wayiniin isaanii hadhaa bofaa,

34 “Kun waan na biratti eegame,

35 Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa.

36 Waaqayyo yommuu akka isaan humna dhaban,

37 Innis akkana jedha: “Kattaan isaan itti daʼatan,

38 Waaqonni cooma qalma isaanii nyaatan,

39 “Akka ani mataan koo Isa taʼe beekaa!

40 Ani dhugumaan bara baraan jiraataadhaatii

41 ani yommuun goraadee koo calaqqisaa qaradhee

42 Yommuu goraadeen koo foon nyaatutti,

43 Sababii inni haaloo dhiiga tajaajiltoota isaa baʼuuf,

44 Museenis Iyyaasuu ilma Nuuni wajjin dhufee dubbiiwwan faarfannaa kana hunda namoota dhageessise.

45 Innis yommuu dubbiiwwan kanneen hunda Israaʼeloota hundatti dubbatee fixetti,

46 akkana isaaniin jedhe; “Akka isaan dubbiiwwan seera kanaa hunda of eeggannaadhaan eeganiif akka isin ijoollee keessan ajajjan, dubbiiwwan ani harʼa ifa baasee isinitti himu hunda qalbiitti qabadhaa.

47 Isaan isiniif jireenya malee dubbii faayidaa hin qabne miti. Dubbiiwwan kanaan biyya laga Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa bara dheeraa ni jiraattu.”

48 Gaafasuma Waaqayyo akkana jedhee Museetti hime;

49 “Biyya Moʼaab kan fuullee Yerikoo jiru, tulluuwwan Abaariim keessa tulluu Nebootti ol baʼiitii biyya Kanaʼaan, biyya ani Israaʼelootaaf dhaala godhee kennu fuulleetti ilaali.

50 Akkuma obboleessi kee Aroon tulluu Hoori irratti duʼee gara abbootii isaatti walitti qabame sana, atis tulluu yaabbattu sana irratti ni duuta; gara abbootii keetiittis walitti qabamta.

51 Kunis waan isin lamaanuu Gammoojjii Siin, Qaadesh keessatti bishaan Mariibaa biratti fuula Israaʼelootaa duratti na amanuu diddanii fi sababii Israaʼeloota gidduutti qulqullummaa koo hin eeginiif.

52 Kanaafuu ati fagootti argita malee biyya ani Israaʼelootaaf kennu sanatti hin galtu.”

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado