Apocalipse 20

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Utuu ergamaan tokko furtuu Boolla Qileetii fi foncaa guddaa tokko harkatti qabatee samii irraa gad buʼuu nan arge.
1 Vi, então, descer do céu um anjo que tinha na mão a chave do abismo e uma grande algema.
2 Ergamaan sunis bineensicha jawwee fakkaatu, bofa durii sana jechuunis diiyaabiloos yookaan Seexana qabee waggaa kuma tokko hidhe.
2 Ele apanhou o Dragão, a primitiva Serpente, que é o Demônio e Satanás, e o acorrentou por mil anos.
3 Hamma waggaan kumaa sun dhumuttis akka inni deebiʼee saboota hin gowwoomsineef Boolla Qileetti gad isa darbatee itti cufe. Chaappaas irratti chaappesse; ergasii immoo yeroo gabaabaadhaaf hiikamuu qaba.
3 Atirou-o no abismo, que fechou e selou por cima, para que já não seduzisse as nações, até que se completassem mil anos. Depois disso, ele deve ser solto por um pouco de tempo.
4 Anis teessoowwan nan arge; warri akka murtii kennaniif taayitaan kennameef teessoowwan sana irra taaʼanii turan. Lubbuuwwan namoota sababii Yesuusiif dhugaa baʼanii fi sababii dubbii Waaqaatiif jedhanii gorraʼamaniis nan arge. Isaanis bineensichaaf yookaan fakkii bineensichaatiif hin sagadne; mallattoo isaas adda isaanii irratti yookaan harka isaanii irratti hin fudhanne. Isaanis duʼaa kaʼanii Kiristoos wajjin waggaa kuma tokko moʼan.
4 Vi também tronos, sobre os quais se assentaram aqueles que receberam o poder de julgar: eram as almas dos que foram decapitados por causa do testemunho de Jesus e da palavra de Deus, e todos aqueles que não tinham adorado a Fera ou sua imagem, que não tinham recebido o seu sinal na fronte nem nas mãos. Eles viveram uma vida nova e reinaram com Cristo por mil anos.
5 Warri duʼan kaan garuu hamma waggaan kumni sun dhumutti deebiʼanii lubbuudhaan hin jiraanne. Kunis duʼaa kaʼuu jalqabaa ti.
5 {Os outros mortos não tornaram à vida até que se completassem os mil anos.} Esta é a primeira ressurreição.
6 Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.
6 Feliz e santo é aquele que toma parte na primeira ressurreição! Sobre eles a segunda morte não tem poder, mas serão sacerdotes de Deus e de Cristo: reinarão com ele durante os mil anos.
7 Yommuu waggaan kumni sun dhumutti Seexanni iddoo itti hidhamee ture keessaa gad dhiifama;
7 Depois de se completarem mil anos, Satanás será solto da prisão.
8 innis saboota golee lafaa afran jiran jechuunis Googii fi Maagoogin gowwoomsuuf ni baʼa; hunduma isaaniis waraanaaf walitti ni qaba. Baayʼinni isaaniis akka cirracha qarqara galaanaa ti.
8 Sairá dela para seduzir as nações dos quatro cantos da terra {Gog e Magog} e reuni-las para o combate. Serão numerosas como a areia do mar.
9 Isaanis lafa hunda irratti faffacaʼanii qubata qulqullootaatii fi magaalattii jaallatamtuu marsan. Garuu ibiddi samii irraa gad buʼee isaan fixe.
9 Subiram à superfície da terra e cercaram o acampamento dos santos e a cidade querida. Mas desceu um fogo dos céus e as devorou.
10 Diiyaabiloos inni isaan gowwoomse sunis gara haroo dinyii bobaʼuutti iddoo bineensichii fi raajichi sobaa itti darbataman sanatti gad darbatame. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti halkanii guyyaa ni dhiphifamu.
10 O Demônio, sedutor delas, foi lançado num lago de fogo e de enxofre, onde já estavam a Fera e o falso profeta, e onde serão atormentados, dia e noite, pelos séculos dos séculos.
11 Anis teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taaʼe nan arge. Laftii fi samiin fuula isaa duraa ni baqatan; iddoonis isaaniif hin argamne.
11 Vi, então, um grande trono branco e aquele que nele se assentava. Os céus e a terra fugiram de sua face, e já não se achou lugar para eles.
12 Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef.
12 Vi os mortos, grandes e pequenos, de pé, diante do trono. Abriram-se livros, e ainda outro livro, que é o livro da vida. E os mortos foram julgados conforme o que estava escrito nesse livro, segundo as suas obras.
13 Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate.
13 O mar restituiu os mortos que nele estavam. Do mesmo modo, a morte e a morada subterrânea. Cada um foi julgado segundo as suas obras.
14 Ergasiis duutii fi Siiʼool haroo ibiddaatti gad darbataman. Haroon ibiddaa kunis duʼa lammaffaa ti.
14 A morte e a morada subterrânea foram lançadas no tanque de fogo. A segunda morte é esta: o tanque de fogo.
15 Namni maqaan isaa kitaaba jireenyaa keessatti hin galmeeffamin kam iyyuu haroo ibiddaatti gad darbatame.
15 Todo o que não foi encontrado inscrito no livro da vida foi lançado ao fogo.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Apocalipse 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.