2 Pedro 1
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Simoon Phexros garbichaa fi ergamaa Yesuus Kiristoos irraa,
1 Simão Pedro, servo e apóstolo de Jesus Cristo, àqueles que, pela justiça do nosso Deus e do Salvador Jesus Cristo, alcançaram por partilha uma fé tão preciosa como a nossa,
2 Beekumsa Waaqaatii fi beekumsa Gooftaa keenya Yesuusiin ayyaannii fi nagaan isiniif haa baayʼatu.
2 graça e paz vos sejam dadas em abundância por um profundo conhecimento de Deus e de Jesus, nosso Senhor!
3 Humni waaqummaa isaa karaa isa ulfina isaatii fi gaarummaa isaatiin nu waame sana beekuu keenyaatiin waan jireenyaa fi Waaqatti buluuf nu barbaachisu hundumaa nuuf kenneera.
3 O poder divino deu-nos tudo o que contribui para a vida e a piedade, fazendo-nos conhecer aquele que nos chamou por sua glória e sua virtude.
4 Kennaa kanaanis isin badiisa sababii hawwii hamaatiin addunyaa keessa jiru jalaa baatanii akka amala waaqummaa isaa sana keessatti hirmaattaniif jedhee karaa kennaa kanaatiin waadaa isaa guddaa fi kan gatii guddaa qabu nuuf galeera.
4 Por elas, temos entrado na posse das maiores e mais preciosas promessas, a fim de tornar-vos por este meio participantes da natureza divina, subtraindo-vos à corrupção que a concupiscência gerou no mundo.
5 Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis beekumsa dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa;
5 Por estes motivos, esforçai-vos quanto possível por unir à vossa fé a virtude, à virtude a ciência,
6 akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Waaqatti buluu,
6 à ciência a temperança, à temperança a paciência, à paciência a piedade,
7 Waaqatti buluu irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa irratti immoo jaalala dhugaa dabaladhaa.
7 à piedade o amor fraterno, e ao amor fraterno a caridade.
8 Yoo isin waan kana hunda qabaattanii ittuma isinii baayʼachaa deeme, wanni kun akka isin Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos beekuu keessatti dadhaboo fi buʼaa dhabeeyyii hin taane isin godha.
8 Se estas virtudes se acharem em vós abundantemente, elas não vos deixarão inativos nem infrutuosos no conhecimento de nosso Senhor Jesus Cristo.
9 Garuu namni waan kana hin qabne kam iyyuu jaamaa dha; fagoottis arguu hin dandaʼu; cubbuu isaa durii sana irraa qulqulleeffamuu isaa irraanfateera.
9 Porque quem não tiver estas coisas é míope, cego: esqueceu-se da purificação dos seus antigos pecados.
10 Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan;
10 Portanto, irmãos, cuidai cada vez mais em assegurar a vossa vocação e eleição. Procedendo deste modo, não tropeçareis jamais.
11 akkasiin gara mootummaa bara baraa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuun guutummaatti isiniif kennama.
11 Assim vos será aberta largamente a entrada no Reino eterno de nosso Senhor e Salvador Jesus Cristo.
12 Kanaafuu isin wantoota kanneen beektanii, dhugaa amma qabdan kanatti jabaatanii dhaabattanii iyyuu ani yeroo hunda wantoota kanneen isin yaadachiisuu nan barbaada.
12 Eis por que não cessarei de vos trazer à memória essas coisas, embora estejais instruídos e confirmados na presente verdade.
13 Ani hamman dunkaana kana keessa jirutti waan kana isin yaadachiisuudhaan isin dammaqsuu koo qajeelaa nan seʼa;
13 Tenho por meu dever, enquanto estiver neste tabernáculo, de manter-vos vigilantes com minhas admoestações.
14 ani akka Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos naaf ibsetti, dunkaana koo kana akkan dafee of irraa baasu beekaatii.
14 Porque sei que em breve terei que deixá-lo, assim como nosso Senhor Jesus Cristo me fez conhecer.
15 Ani akka isin erguma ani isin biraa godaanee booddee yeroo hunda waan kana yaadachuu dandeessan gochuuf nan carraaqa.
15 Mas cuidarei para que, ainda depois do meu falecimento, possais conservar sempre a lembrança dessas coisas.
16 Nu yommuu waaʼee humnaa fi dhufaatii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isinitti himnetti, surraa isaa ijuma keenyaan argineeti malee oduu haxxummaadhaan uumame duukaa buunee miti.
16 Na realidade, não é baseando-nos em hábeis fábulas imaginadas que nós vos temos feito conhecer o poder e a vinda de nosso Senhor Jesus Cristo, mas por termos visto a sua majestade com nossos próprios olhos.
17 Innis yommuu sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada” jedhu sun Ulfina Surra qabeessa sana biraa dhufeefitti, Waaqa Abbaa biraa kabajaa fi ulfina argateeraatii.
17 Porque ele recebeu de Deus Pai honra e glória, quando do seio da glória magnífica lhe foi dirigida esta voz: Este é o meu Filho muito amado, em quem tenho posto todo o meu afeto.
18 Nu mataan keenya iyyuu yeroo isa wajjin tulluu qulqulluu irra turretti, utuu sagaleen kun samii irraa dhufuu dhageenye.
18 Esta mesma voz que vinha do céu nós a ouvimos, quando estávamos com ele no monte santo.
19 Kanaafuu dubbiin raajonni dubbatan sun ittuma caalee nuuf mirkaneeffame; isinis hamma boruun baqaqee bakkalchi barii garaa keessan keessatti baʼutti yoo akkuma ibsaa dukkana keessatti ibsuutti dubbii kanaaf xiyyeeffannoo kennitan waan gaarii gochuu keessan.
19 Assim demos ainda maior crédito à palavra dos profetas, à qual fazeis bem em atender, como a uma lâmpada que brilha em um lugar tenebroso até que desponte o dia e a estrela da manhã se levante em vossos corações.
20 Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa raajichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu.
20 Antes de tudo, sabei que nenhuma profecia da Escritura é de interpretação pessoal.
21 Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Waaqaatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.
21 Porque jamais uma profecia foi proferida por efeito de uma vontade humana. Homens inspirados pelo Espírito Santo falaram da parte de Deus.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 2 Pedro 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.