1 Ilmaan Yisaakor:
2 Ilmaan Toolaa:
3 Ilma Uzii:
4 Isaanis waan niitotaa fi ijoollee hedduu qabaataniif akka hidda dhaloota maatii isaaniitti namoota lolaaf qophaaʼan 36,000 qabu ture.
5 Firoonni loltoota jajjaboo turan kanneen balbalawwan Yisaakorii keessaa dhalatan warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffaman walumatti nama 87,000:
6 Ilmaan Beniyaam sadan:
7 Ilmaan Belaa:
8 Ilmaan Beker:
9 Hangafoota mana abbootii isaanii kanneen akka dhaloota isaaniitti hidda dhaloota isaaniitiin lakkaaʼaman gootota jajjaboo 20,200 turan.
10 Ilmi Yediiʼeel:
11 Ilmaan Yediiʼeel kunneen hundi hangafoota maatiiwwanii turan. Isaanis namoota waraana dhaquuf qophaaʼan 17,200 qaban ture.
12 Gosti Shufiimiitii fi Hufiim ilmaan Iiri turan; Hushiim immoo ilma Aheerii ti.
13 Ilmaan Niftaalemii:
14 Ilmaan Minaasee:
15 Maakiir immoo gosoota Hufiimiitii fi Shufiim keessaa niitii fuudhe. Maqaan obboleettii isaas Maʼakaa ture. Sanyiin isaa kan biraa immoo Salphaʼaad jedhama; Zelofehaad intallan qofa qaba ture.
16 Maʼakaan niitiin Maakiirii ilma deessee maqaa isaa Phereesh jettee moggaafte. Obboleessi isaa Sheresh jedhama; ilmaan isaa immoo Uulaamii fi Reqem jedhaman.
17 Ilmi Uulaam:
18 Hamolekeeti obboleettiin isaa Iisihood, Abiiʼezerii fi Mahilaa deesse.
19 Ilmaan Shemiidaa immoo:
20 Ilmaan Efreem:
21 ilma isaa Zaabaadii,
22 Efreem abbaan isaanii guyyaa hedduu booʼeef; firoonni isaas isa jajjabeessuu dhufan.
23 Sana booddees dhaqee niitii isaa wajjin ciise; isheenis ulfooftee ilma deesse. Innis sababii maatii isaa keessa rakkinni tureef Beriiyaa jedhee maqaa baaseef.
24 Intalli isaa immoo Sheeraa jedhamti; namni magaalaawwan Beet Horoonii kan gad aanuu fi kan ol aanu, akkasumas magaalaa Uzeen Sheeraa hundeesse ishee dha.
25 Refaa ilma isaa, Resheef ilma isaa,
26 Laʼadaan ilma isaa, Amiihuud ilma isaa,
27 Nuuni ilma isaatii fi
28 Biyyoonnii fi ardaan qubata isaaniis Beetʼeelii fi gandoota naannoo ishee, karaa baʼa biiftuutiin Naʼaraan, karaa lixa biiftuutiin immoo Geezirii fi gandoota ishee akkasumas Sheekemii fi gandoota ishee kanneen hamma Ayyaa fi gandoota isheetti jiran qabata ture.
29 Daariiwwan Minaasee irra Beet Sheʼaan, Taʼanaak, Megidoo fi Dooritu gandoota isaanii wajjin ture. Sanyiiwwan Yoosef ilma Israaʼel sanaas magaalaawwan kanneen keessa jiraatan.
30 Ilmaan Aasheer:
31 Ilmaan Beriiyaa:
32 Hebeer immoo abbaa Yaafleexii, Shomeerii, Hootaamiitii fi obboleettii isaanii Shuuʼaa ti.
33 Ilmaan Yaafleex:
34 Ilmaan Shemeer:
35 Ilmaan obboleessa isaa Heelem:
36 Ilmaan Zoofaa:
37 Bezer, Hoodi, Shamaa, Shilshaa, Yitraanii fi Biʼeeraa.
38 Ilmaan Yeteer:
39 Ilmaan Ulaa:
40 Isaan kunneen hundi gosoota Aasheerii turan; isaanis hangafoota maatiiwwanii, namoota filatamoo, loltoota jajjaboo fi bulchitoota bebbeekamoo turan. Akka galmee hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti namoonni isaanii kanneen dandeettii waraanaa qaban 26,000 turan.