1 Crônicas 4

GAZ

1 Ilmaan Yihuudaa:

2 Reʼaayaan ilmi Sobaal abbaa Yahaatiiti; Yahaati immoo abbaa Ahuumaayii fi Laahadii ti. Isaan kunneen balbalawwan Zoraatotaa ti.

3 Ilmaan Eexaam kanneenii dha:

4 Phenuuʼeel abbaa Gedoor; Eezer immoo abbaa Huushaam.

5 Ashihuur abbaan Teqooʼaa niitota lama kanneen Heelaa fi Naʼaraa jedhaman qaba ture.

6 Naʼaraan ilmaan Ahuzaam, Heefer, Teemenii fi Haaʼahashitaar jedhaman deesseef. Ilmaan Naʼaraa isaan kanneen turan.

7 Ilmaan Heelaa:

8 Qoosi abbaa Anuub, abbaa Hazobeebaa fi abbaa balbalawwan Ahariheel ilma Haaruumiti.

9 Yaabeex nama obboloota isaa caalaa ulfina qabu ture; haatii isaa, “Ani dhiphinaanan isa daʼe” jettee Yaabeex jettee isa moggaafte.

10 Yaabeex immoo akkana jedhee Waaqa Israaʼelitti iyyate; “Ati na eebbisi; biyya koos naaf balʼisi! Akka ani hin miidhamnee fi akka ani dhiphina jalaa baʼuuf harki kee na wajjin haa jiraatu.” Waaqnis waan inni kadhate sana ni kenneef.

11 Kiluub obboleessi Shuhaa abbaa Mihiirii ti; Mehiir immoo abbaa Eshitooniti.

12 Eshitoonis abbaa Beet Raafaan, abbaa Faasehaa fi Tehiinaa ti; Tahiinaan immoo abbaa Iir Naahaashii ti. Isaan kunneen namoota Reekaa ti.

13 Ilmaan Qenaz:

14 Meʼoonotaayi abbaa Ofraa ti.

15 Ilmaan Kaaleb ilma Yefunee:

16 Ilmaan Yehaleliʼeel:

17 Ilmaan Izraa:

18 Niitiin isaa dubartiin Yihuudaa sunis Yaared abbaa Gedoor, Hebeer abbaa Sookooniitii fi Yequutiiʼeel abbaa Zaanoʼaa deesse.

19 Ilmaan niitiin Hoodiyaa obboleettiin Naham sun deesse:

20 Ilmaan Simiʼoon:

21 Ilmaan Sheelaa ilma Yihuudaa:

22 Yooqiim, namoota Koozeebaa, Yooʼaashii fi Saaraaf isa Moʼaabii fi Yaashubiileheem bulchu. Barreeffamni kunneenis kan bara durii ti.

23 Isaanis suphee dhooftuu Nexaayiimii fi Gedeeraa keessa jiraatan turan; jarri kun mootichaaf hojjechaa achi jiraatu ture.

24 Ilmaan Simiʼoon:

25 Shaluum ilma Saaʼuul ture; Mibsaam ilma Shaluumiti; Mishmaa immoo ilma Mabsaamiti.

26 Ilmaan Mishmaa:

27 Shimeʼiin ilmaan kudha jaʼaa fi intallan jaʼa qaba ture; obboloonni isaa garuu ijoollee hedduu hin qaban ture; sababii kanaaf balbalawwan isaanii hundinuu akka gosa Yihuudaa baayʼee hin turre.

28 Isaanis Bersheebaa, Molaadaa, Hazar Shuuʼaal,

29 Bilihaa, Ezem, Toolaad,

30 Betuuʼeel, Hormaa, Siiqlaag,

31 Beet Markaabot, Hazar Susiim, Beet Biirii fi Shaʼarayiim keessa jiraatan. Magaalaawwan kunneen hamma bara mootummaa Daawitiitti magaalaawwan isaanii turan.

32 Akkasumas gandoota Eexaam, Ayin, Reemoon, Tookkenii fi Ashaan jechuunis magaalaa shananii fi

33 gandoota naannoo isaaniitti argaman hunda keessa hamma Baʼaaliitti jiraatu ture.

34 Meshoobaab, Yamleek,

35 Yooʼeel,

36 akkasumas Eliiyooʼeenayi, Yaaʼiqoobaa, Yashoohayaa,

37 Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aloon, ilma Yedaayaa, ilma Shimrii, ilma Shemaaʼiyaa.

38 Namoonni maqaan isaanii kanaa olitti himame kunneen hooggantoota balbala isaanii turan.

39 isaanis bushaayee isaaniitiif lafa dheedaa barbaacha hamma moggaa Gedoor kan gama baʼa sululaa jiru sanaatti deeman.

40 Isaanis naannoo sanatti lafa dheedaa gabbataa fi gaarii argatan; lafni sunis balʼaa, kan nagaa fi tasgabbii qabu ture. Bara durii gosoonni Haamii naannoo sana jiraachaa turan.

41 Namoonni maqaan isaanii dhaʼame kunneen bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa dhufan. Isaan akkuma hamma harʼaatti illee mulʼatu qubata Kaamotaatii fi Meʼuunoota achi jiraachaa turanii dhaʼanii guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Ergasiis sababii lafa dheedaa balʼaa bushaayee isaaniitiif argataniif lafa jaraa irra ni qubatan.

42 Simiʼoonota kanneen keessaa namoonni dhibba shan ilmaan Yishiʼii Phelaatiyaa, Naʼaariyaa, Refaayaa fi Uziiʼeel hoogganamanii biyya gaaraa Seeʼiir weeraran.

43 Isaanis Amaaleqoota miliqanii hafan balleessanii hamma harʼaatti achuma jiraatan.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado