1 Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa;
2 Waaqayyoon faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;
3 Ulfina isaa saboota gidduutti,
4 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;
5 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;
6 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;
7 Yaa maatiiwwan sabootaa Waaqayyoof kennaa;
8 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;
9 Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa;
10 Saboota gidduutti, “Waaqayyo mootii dha” jedhaa;
11 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;
12 Dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadan.
13 Uumamni hundi fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatu; inni ni dhufaatii;