1 Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi.
2 Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu;
3 Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi;
4 Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin,
5 Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii;
6 Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu;
7 Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana,
8 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu;
9 Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa,
10 Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman;