1 Yaa Waaqayyo, ati na qorteerta;
2 Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta;
3 Deemuu koo fi ciisuu koo addaan baaftee beekta;
4 Yaa Waaqayyo, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre,
5 Ati duraa fi duubaan na marsiteerta;
6 Beekumsi akkanaa anaaf akka malee dinqii dha;
7 Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa?
8 Yoo ani samiiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta;
9 Yoo ani qoochoo ganamaatiin
10 achittis harki kee karaa na argisiisa;
11 Yoo ani, “Dhugumaan dukkanni na dhoksa;
12 dukkanni iyyuu siif dukkana hin taʼu;
13 Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;
14 Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef
15 Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame,
16 iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge.
17 Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata!
18 Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee,
19 Maaloo yaa Waaqi, ati utuu hamoota fixxee!
20 Isaan yaada hamaadhaan waaʼee kee dubbatu;
21 Yaa Waaqayyo, ani warra si jibban hin jibbuu?
22 Ani hamma dhumaatti isaan jibbeera;
23 Yaa Waaqi, na sakattaʼi; garaa koos beeki;
24 Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali;