Salmos 136

GAZ

1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii.

2 Waaqa waaqotaatiif galata galchaa.

3 Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa:

4 inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta;

5 inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume;

6 inni bishaanota irratti lafa diriirse;

7 inni ifa gurguddaa hojjete;

8 inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe;

9 inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe;

10 inni hangafa Gibxi dhaʼe;

11 inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase;

12 harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase;

13 inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode;

14 inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse;

15 Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe;

16 inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse;

17 inni mootota gurguddaa dhaʼe;

18 inni mootota jajjaboo fixe;

19 inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese;

20 inni Oogi mootii Baashaan ajjeese;

21 inni biyya isaanii dhaala godhee kenne;

22 dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne;

23 Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate;

24 inni harka diinota keenyaatii nu baase,

25 inni uumama hundaaf soora kenna;

26 Waaqa samiitiif galata galchaa.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado