1 Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta?
2 Namni hamaan of tuulummaa isaatiin hiyyeessa adamsa;
3 Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa;
4 Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu;
5 Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula;
6 Innis, “Wanni na sochoosu hin jiru;
7 Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan guutameera;
8 Inni gandoota keessatti riphee eeggata;
9 Akka leenca daggala isaa keessaatti riphee eeggata.
10 Hiyyeessi sunis ni caccaba; gad of qabas;
11 Innis, “Waaqa irraanfateera;
12 Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqi harka kee ol kaafadhu.
13 Namni hamaan maaliif Waaqa arrabsa?
14 Yaa Waaqi, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita;
15 Irree nama hamaatii fi jalʼaa cabsi;
16 Waaqayyo bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha;
17 Yaa Waaqayyo, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa;
18 kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef