Números 26

GAZ

1 Dhaʼicha sana booddee Waaqayyo Musee fi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatiin akkana jedhe;

2 “Waldaa saba Israaʼel warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi hammasii ol taʼe kanneen loltoota Israaʼel keessa tajaajiluu dandaʼan hunda maatii maatiidhaan lakkaaʼaa.”

3 Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti akkana jedhanii isaan wajjin dubbatan;

4 “Akkuma Waaqayyo Musee ajajetti namoota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii lakkaaʼaa.”

5 Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa:

6 karaa Hezrooniitiin, balbala Asroonotaa;

7 Jarri kunneen balbalawwan Ruubeen; baayʼinni isaaniis 43,730 ture.

8 Ilmi Faluus Eliiyaab;

9 ilmaan Eliiyaabis Nemuuʼeel, Daataanii fi Aberoon. Daataanii fi Abiiraam kunneen qondaaltota waldaa kanneen Musee fi Aroonitti fincilanii dha; isaan yeroo Qooraahii fi duukaa buutonni isaa Waaqayyotti fincilan sanas achi keessa turan.

10 Laftis afaan banattee Qooraahii fi isaan illee liqimsite; warri garee Qooraahi immoo yeroo ibiddii namoota 250 fixe sana dhuman. Isaanis mallattoo namoonni ittiin of eeggatan taʼan.

11 Ilmaan Qooraahi garuu hin duune.

12 Ilmaan Simiʼoon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

13 karaa Zeraan, balbala Zerootaa;

14 Jarri kunneen balbalawwan Simiʼoonii ti; isaanis namoota 22,200 turan.

15 Ilmaan Gaad akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

16 karaa Oznii, balbala Oznootaa;

17 karaa Arood, balbala Aroodotaa;

18 Jarri kunneen balbalawwan Gaadii ti; baayʼinni isaaniis 40,500 ture.

19 Eerii fi Oonaan ilmaan Yihuudaa ti; isaan garuu Kanaʼaan keessatti duʼan.

20 Ilmaan Yihuudaa akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

21 Ilmaan Faaresis kanneenii dha:

22 Jarri kunneen balbalawwan Yihuudaa ti; baayʼinni isaaniis 76,500 ture.

23 Ilmaan Yisaakor akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

24 karaa Yaashuub, balbala Yaashuubotaa;

25 Jarri kunneen balbalawwan Yisaakor; baayʼinni isaaniis 64,300 ture.

26 Ilmaan Zebuuloon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

27 Jarri kunneen balbalawwan Zebuuloon; baayʼinni isaaniis 60,500 ture.

28 Ilmaan Yoosef akkuma balbala balbala isaaniitti: Minaasee fi Efreem.

29 Ilmaan Minaasee:

30 Ilmaan Giliʼaad isaan kanneenii dha:

31 karaa Asriʼeel, balbala Asriiʼeelotaa,

32 karaa Shemiidaa, balbala Shemiidaa;

33 Zelofehaad ilmi Heefer ilmaan hin qabu ture; inni intallan qofa qaba ture; maqaan isaaniis Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.

34 Jarri kunneen balbalawwan Minaasee ti; baayʼinni isaaniis 52,700 ture.

35 Ilmaan Efreem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

36 Ilmaan Shuutelaa isaan kanneenii dha:

37 Jarri kunneen balbalawwan Efreem; baayʼinni isaaniis 32,500 ture.

38 Ilmaan Beniyaam akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

39 karaa Shefuufaami, balbala Shefuufaamotaa;

40 Ilmaan Belaa, karaa Ardii fi Naʼamaan:

41 Jarri kunneen balbalawwan Beniyaam; baayʼinni isaaniis 45,600 ture.

42 Ilmaan Daan akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

43 Isaan hundinuu balbalawwan Shuuhaamotaa ti; baayʼinni isaaniis 64,400 ture.

44 Ilmaan Aasheer akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

45 karaa ilmaan Beriiyaa immoo:

46 Aasheer intala Seraa jedhamtu tokko qaba ture.

47 Jarri kunneen balbalawwan Aasheer; baayʼinni isaaniis 53,400 ture.

48 Ilmaan Niftaalem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha:

49 karaa Yeexer, balbala Yeexirotaa;

50 Jarri kunneen balbalawwan Niftaalem; baayʼinni isaaniis 45,400 ture.

51 Walumaa galatti baayʼinni dhiira Israaʼel 601,730 ture.

52 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;

53 “Biyyi sun akkuma baayʼina maqaa namaatti dhaala taʼee isaan kanneeniif haa qoodamu.

54 Balbala guddaadhaaf dhaala guddaa, balbala xinnaadhaaf immoo dhaala xinnaa kenni; tokkoon tokkoon balbalaa akkuma baayʼina namoota galmeeffamaniitti dhaala isaa haa argatu.

55 Garuu biyyi sun ixaadhaan haa qoqoodamtu. Isaanis akkuma maqaawwan gosoota abbootii isaaniitti ni dhaalu.

56 Tokkoon tokkoon dhaala sanaa garee guddaa fi garee xinnaa gidduutti ixaadhaan haa qoodamu.”

57 Lewwonni balbala balbalaan lakkaaʼaman kanneenii dha:

58 Jarri kunneenis balbalawwan Lewwotaa ti:

59 maqaan niitii Amraam Yookebeed. Isheen intala Lewwii kan biyya Gibxitti Lewwiif dhalattee dha. Amraamiifis Aroon, Musee fi obboleettii isaanii Miiriyaam deesse.

60 Aroon abbaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.

61 Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo ibidda hin eeyyamamin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan sana duʼan.

62 Dhiironni umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii ol taʼe kanneen lakkaaʼaman hundi 23,000 turan. Isaanis sababii gidduu isaaniitti dhaala hin argatiniif Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.

63 Isaan kunneen warra yeroo Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Israaʼeloota lakkaaʼan sana lakkaaʼamanii dha.

64 Namoota karaa Museetii fi Aroon lubichaan Gammoojjii Siinaa keessatti lakkaaʼaman keessaa namni tokko iyyuu isaan gidduu hin turre.

65 Sababii Waaqayyo waaʼee isaanii, “Isaan Gammoojjii keessatti ni dhumu” jedhee dubbatee tureef, Kaaleb ilma Yefunee fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafne.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado