1 Phaashihuur lubichi, ilmi Imeerii inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti bulchaa hangafa ture sun yommuu Ermiyaasii waan kana raaju dhagaʼetti,
2 akka Ermiyaas raajichi tumamee Karra Beniyaam isa ol aanu kan mana Waaqayyoo biratti argamu sana keessatti miilli isaa jirma lama gidduu galee hidhamu godhe.
3 Ermiyaasis guyyaa itti aanu yeroo Phaashihuur jirma lamaan gidduudhaa isa baasetti akkana jedheen; “Maqaan Waaqayyo siif baase Maagormiisaabiib malee Phaashihuur miti.
4 Waaqayyo akkana jedhaatii; ‘Ani akka ati ofii keetii fi michoota keetti sodaachisaa taatu sin godha; yeroo isaan goraadee diinota isaaniitiin dhuman ijuma keetiin argita. Ani Yihuudaa hunda dabarsee mootii Baabiloniitti nan kenna; innis Baabilonitti isaan geessa yookaan goraadeedhaan isaan fixa.
5 Ani qabeenya magaalaa kanaa hunda jechuunis oomisha ishee hunda, waan gatii guddaa qabu hundaa fi badhaadhummaa mootota Yihuudaa hunda dabarsee diinota isaaniitti nan kenna. Isaanis boojiʼanii fudhatanii Baabilonitti isaan geessan.
6 Yaa Phaashihuur ati, warri mana kee jiraatan hundis boojiʼamtanii Baabilonitti geeffamtu. Atii fi michoota kee warri ati raajii sobaa dubbatteef hundi achitti duutanii awwaalamtu.’ ”
7 Yaa Waaqayyo, ati na gowwoomsite; // anis nan gowwoomfame;
8 Ani yeroon dubbadhu hunda nan iyya;
9 Garuu yoo ani, “Ani maqaa isaa hin dhaʼu
10 Ani hasaasa, “Karaa hundaan sodaa!
11 Waaqayyo garuu akkuma goota humna qabeessa tokkootti // na wajjin jira;
12 Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu,
13 Waaqayyoof faarfadhaa!
14 Guyyaan ani dhaladhe haa abaaramu!
15 Namichi, “Daaʼimni tokko jechuunis
16 Namichi sun akkuma magaalaawwan
17 Akka haati koo awwaala naa taatuuf,
18 Ani maaliifan rakkinaa fi gadda arguuf