1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
2 “Kaʼiitii gara mana namicha suphee dhaʼu sanaa dhaqi. Anis achitti dubbii koo sitti nan hima.”
3 Kanaafuu ani gara mana namicha suphee dhaʼu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo irratti waa hojjechaa ture.
4 Okkoteen inni suphee irraa hojjechaa ture sun garuu harka isaatti fashalaaʼe; kanaafuu namichi suphee dhaʼu sun akkuma itti toletti suphee sanaan okkotee kan biraa hojjete.
5 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
6 “Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?” jedha Waaqayyo. “Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu.
7 Yeroo ani akka sabni yookaan mootummaan tokko buqqifamu, gargar qoodamuu fi barbadeeffamu labsutti,
8 yoo sabni ani akeekkachiise sun hammina isaa irraa deebiʼe, ani waan hamaa isatti fiduuf yaade sana irraa nan deebiʼa.
9 Yoo ani yeroo biraa immoo akka sabni yookaan mootummaan tokko ijaaramee dhaabamu labse,
10 yoo inni fuula koo duratti waan hamaa hojjetee anaaf ajajamuu dide, ani waan gaarii isaaf gochuu barbaade sana nan dhiisa.
11 “Kanaafuu amma saba Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraataniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kunoo! Ani badiisa isiniif qopheesseen mala isinitti karoorsaa jira. Kanaafuu tokkoon tokkoon keessan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa.’
12 Isaan garuu akkana jedhanii deebii kennan: ‘Kun faayidaa hin qabu. Nu karooruma keenyaan itti fufna; tokkoon tokkoon keenya mata jabinaa fi hammina garaa keenyaa duukaa buuna.’ ”
13 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha:
14 Cabbiin Libaanoon
15 Sabni koo garuu na irraanfateera;
16 Biyyi isaanii ni ona;
17 Akkuma bubbee baʼa biiftuutii dhufuu,
18 “Jarris, ‘Seerri luba biraa, gorsi ogeeyyii biraa, dubbiin immoo raajota biraa waan hin dhabamneef kottaa Ermiyaasitti mariʼannaa; kanaafuu kottaa nu arraba keenyaan isa miinaa; waan inni dubbatu kam iyyuus hin fudhannu’ ” jedhan.
19 Yaa Waaqayyo, na dhaggeeffadhu;
20 Gatiin waan gaarii waan hamaadhaa?
21 Kanaafuu ati ijoollee isaanii dabarsii beelatti kenni;
22 Yeroo ati akkuma tasaa weeraartoota isaanitti fiddutti,
23 Yaa Waaqayyo, ati garuu mala isaan na ajjeesuuf