1 Yaa Waaqayyo yommuu ani iyyata koo fuula kee duratti dhiʼeeffadhutti
2 Ati isaan dhaabde; isaanis hidda gad fageeffataniiru;
3 Taʼus yaa Waaqayyo ati na beekta;
4 Biyyattiin hamma yoomiitti boossee
5 “Ati namoota lafoo wajjin fiigdee erga
6 Obboloonni kee, maatiin abbaa keetii,
7 “Ani mana koo dhiiseera;
8 Handhuuraan koo
9 Handhuuraan koo akka allaattii burree
10 Tiksoonni hedduun
11 Isaan isa onsu;
12 Lafa ol kaʼaa qullaa gammoojjii
13 Isaan qamadii facaasu garuu qoraatii haammatu;
14 Waaqayyo akkana jedha; “Ani olloota koo hamoo kanneen handhuuraa ani saba koo Israaʼeliif kenne qabatan hunda biyya isaanii keessaa nan buqqisa; mana Yihuudaas isaan gidduudhaa nan buqqisa.
15 Ani ergan isaan buqqisee booddee deebiʼee naʼeefii tokkoo tokkoo isaanii gara handhuuraa isaaniitii fi gara biyya ofii isaaniitti nan deebisa.
16 Yoo isaan haala jireenya saba koo akka gaarii baratanii akkuma duraan saba koo Baʼaaliin kakachuu barsiisan sana, ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jechuudhaan maqaa kootiin kakatan, isaan saba koo gidduutti ni hundeeffamu.
17 Garuu yoo sabni kam iyyuu naa ajajamuu dide, ani guutumaan guutuutti isa nan buqqisa; nan balleessas” jedha Waaqayyo.