1 Hafuurri koo dadhabeera;
2 Dhugumaan qoostonni na marsaniiru;
3 “Yaa Waaqi, qabsiisa naa taʼi;
4 Akka isaan waa hin hubanneef ati sammuu isaanii cufteerta;
5 Yoo namni tokko faayidaa argachuuf
6 “Waaqni nama hunda biratti nama kolfaa,
7 Iji koo sababii gaddaatiif arguu dhabe;
8 Qajeeltonni waan kanaan ni rifatu;
9 Qajeelaan garuu karaa isaatti cima;
10 “Hundi keessan garuu mee deebiʼaa yaalaa!
11 Barri koo darbeera; karoorri koo fashalaaʼeera;
12 Namoonni kunneen halkan guyyaatti geeddaraniiru;
13 Yoo manni ani abdadhu awwaala qofa taʼe,
14 yoo ani boolla qileetiin, ‘Ati abbaa koo ti;’
15 egaa abdiin koo eessa jira?
16 Inni na wajjin awwaala buʼaa?