1 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha: Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii” jedheen.
2 Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate;
3 “Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
4 Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Isaayyaas dhufe:
5 “Dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaasitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala.
6 Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani magaalaa kana nan eega.
7 “ ‘Kun mallattoo Waaqayyoo kan akka inni waan waadaa gale sana guutu mirkaneessuuf Waaqayyo biraa siif kennamee dha:
8 Ani akka gaaddidduun aduu tarkaanfii kurnan gulantaa Aahaaz irraan gad buʼe sana dugda duubatti deebiʼu nan godha.’ ” Kanaafuu gaaddidduun tarkaanfii kurnan gad buʼee ture sun dugda duubatti deebiʼe.
9 Barreeffama Hisqiyaas mootichi Yihuudaa erga dhukkubsatee fayyee booddee barreesse:
10 Anis, “Walakkaa umurii kootiitti,
11 Ani akkanan jedhe; “Ani biyya jiraattotaa keessatti,
12 Manni koo akkuma dunkaana tiksootaa
13 Ani hamma bariitti obsaan nan eeggadhe;
14 Ani akka simbirroo yookaan akkuma daalotee nan wace;
15 Ani garuu maal jechuun dandaʼa?
16 Yaa Gooftaa, namoonni
17 Dhugumaan akkas dhiphachuun koo faayidaa kootiif.
18 Siiʼool si galateeffachuu hin dandaʼutii;
19 Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa,
20 Waaqayyo na baraara;
21 Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaatii dhullaa isaa irra kaaʼaa; innis ni fayyaa” jedhee ture.
22 Hisqiyaasis, “Akka ani gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee gaafate.