1 Waan nu dubbannu keessaa ijoon kana: Nu luba ol aanaa samii irra karaa mirga teessoo Isa Ulfina Qabeessa Samii keessaa sanaa taaʼe akkasii qabna.
2 Innis iddoo qulqullummaa fi dunkaana isa dhugaa kan utuu namaan hin taʼin Gooftaadhaan dhaabame keessa tajaajila.
3 Lubni ol aanaan kam iyyuu kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama; kanaafuu lubni kun waan dhiʼeessu tokko qabaachuu qaba.
4 Waan luboonni akka seeraatti kennaa dhiʼeessan duraanuu jiraniif, inni utuu lafa irra jiraatee silaa luba hin taʼu ture.
5 Isaanis iddoo qulqullummaa kan fakkeenyaa fi gaaddidduu wantoota samii tajaajilu. Waaqnis yommuu Museen dunkaana qulqulluu dhaabuuf kaʼetti, “Waan hunda akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu!” jedhee isa akeekkachiisuun isaa kanumaaf.
6 Garuu akkuma kakuun inni Yesuus gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.
7 Utuu kakuun jalqabaa sun mudaa qabaachuu baatee silaa kakuun lammaffaan hin barbaachisu ture.
8 Waaqni garuu saba sana irratti balleessaa argee akkana jedha;
9 Kakuun kunis kakuu ani,
10 Kakuun ani yeroo sana booddee
11 Sababii hundi isaanii,
12 Ani daba isaanii nan dhiisaaf;
13 Innis kakuu kanaan “haaraa” jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome dafee bada.