1 Yaaqoob ilmaan isaa ofitti waamee akkana jedhe: “Akka ani waan bara dhumaa keessa isinitti dhufu isinitti himuuf mee walitti qabamaa.
2 “Yaa ilmaan Yaaqoob mee walitti qabamaa dhaggeeffadhaa;
3 “Yaa Ruubeen, ati ilma koo hangafa;
4 Ati akka bishaanii asii fi achi raafamta; ol aantummaas hin qabaattu;
5 “Simiʼoonii fi Lewwiin obboloota;
6 Lubbuun koo marii isaaniitti hin seenin;
7 Aariin isaanii inni hamaan,
8 “Yaa Yihuudaa obboloonni kee si leellisu;
9 Yaa Yihuudaa ati saafela leencaa ti;
10 Hamma bulchaan dhufutti
11 Inni harree isaa muka wayiniitti,
12 Iji isaa daadhii wayinii irra diimata;
13 “Zebuuloon qarqara galaanaa jiraata;
14 “Yisaakor harree jabaa
15 Innis yeroo akka iddoon boqonnaa isaa hammam gaarii taʼee fi
16 “Daan gosoota Israaʼel keessaa akka isa tokkootti,
17 Daan bofa qarqara karaa ti;
18 “Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan eeggadha.
19 “Gaad weerartootaan ni dhaʼama;
20 “Aasheer buddeenni isaa furdaa dha;
21 “Niftaalem borofa hiikamtee dha;
22 “Yoosef muka wayinii ija qabeessa,
23 Warri iddaa qabatan waraana isatti banan;
24 Garuu iddaan isaa jabaatee hafe;
25 Waaqa abbaa keetii isa si gargaaruun,
26 Eebbi abbaa keetii,
27 “Beniyaam yeeyyii baayʼee beelaʼee dha;
28 Warri kunneen hundi gosoota Israaʼel kudha lamaan; kunis waan abbaan isaanii yeroo eebba tokkoo tokkoo isaaniif taʼuun isaan eebbisetti isaanitti dubbatee dha.
29 Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee isaan ajaje; “Ani gara saba kootiitti walitti qabamuu gaʼeera; holqa lafa qotiisaa Efroon namicha gosa Heeti sanaatti abbootii koo biratti na awwaalaa.
30 Holqi kunis holqa biyya Kanaʼaan keessatti Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuuf Efroon namicha gosa Heeti sana irraa lafa qotiisaa wajjin bitatee dha.
31 Abrahaamii fi niitiin isaa Saaraan achitti awwaalaman; Yisihaaqii fi niitiin isaa Ribqaan achitti awwaalaman; anis achumattan Liyaa awwaale.
32 Lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru Heetota irraa bitaman.”
33 Yaaqoob akkuma ilmaan isaa ajajuu raawwateen miilla isaa siree irratti ol deebifatee hafuura dhumaa baafate; gara saba isaattis walitti qabame.