Gênesis 36

GAZ

1 Seenaan maatii Esaawu kan Edoom jedhamu sanaa kana.

2 Esaaw niitota isaa dubartootaa Kanaʼaan keessaa fuudhe; isaanis Aadaa intala Eeloon namicha gosa Heetii fi Oholiibaamaa intala Aannaa ilma Zibeʼoon namicha gosa Hiiwii,

3 akkasumas Baasmati intala Ishmaaʼeel obboleettii Nabaayoti.

4 Aadaan Eliifaazin Esaawuuf deesse; Baasmati immoo Reʼuuʼeelin deesse.

5 Oholiibaamaanis Yeʼuushi, Yaʼilaamii fi Qooraahi deesse. Isaan kunneen ilmaan Esaawu kanneen Kanaʼaanitti isaaf dhalatanii dha.

6 Esaawu niitota isaa, ilmaan isaa, intallan isaatii fi warra mana isaa jiraatan hunda, akkasumas karra loon isaa, horii isaa kaan hundaa fi qabeenya biyya Kanaʼaanitti horate hunda fudhatee obboleessa isaa Yaaqoob biraa kaʼee biyya biraa dhaqe.

7 Waan qabeenyi isaanii akka malee baayʼateef isaan walii wajjin jiraachuu dadhaban; lafti isaan jiraachaa turanis sababii baayʼina horii isaaniitiif isaan gaʼuu hin dandeenye.

8 Esaawu biyya gaara Seeʼiir keessa jiraate; Esaawu jechuun Edoomii dha.

9 Seenaan maatii Esaawu abbaa Edoomotaa kan warra biyya gaara Seeʼiir keessa jiraatanii kana.

10 Maqaan ilmaan Esaawu:

11 Ilmaan Eliifaaz:

12 Eliifaaz ilmi Esaawus saajjatoo Tiimnaa jedhamtu qaba ture; isheenis Amaaleqin Eliifaaziif deesse. Isaan kunneen ilmaan ilmaan Aadaa niitii Esaawu.

13 Ilmaan Reʼuuʼeel:

14 Oholiibaamaan niitiin Esaawu intalli Aannaa ilma Zibeʼoon Esaawuuf:

15 Isaan kunneen sanyiiwwan Esaawu keessaa hangafoota turan:

16 Qooraahi hangafticha, Gaataam hangaftichaa fi Amaaleq hangafticha. Isaan kunneen hangafoota biyya Edoom keessatti Eliifaaz irraa dhalatanii dha; isaanis ilmaan Aadaa ti.

17 Ilmaan Reʼuuʼeel ilma Esaawu:

18 Ilmaan Oholiibaamaa niitii Esaawu:

19 Isaan kunneen ilmaan Esaawu Edoom jedhamu sanaa turan; isaan kunneenis hangafoota isaanii turan.

20 Isaan kunneen ilmaan Seeʼiir namicha gosa Hoorii kanneen biyya sana keessa jiraachaa turanii dha; isaanis:

21 Diishoon, Eezerii fi Diishaan. Ilmaan Seeʼiir kanneen biyya Edoom keessaa kunneen hangafoota hoorotaa turan.

22 Ilmaan Looxaan:

23 Ilmaan Sobaal:

24 Ilmaan Zibeʼoon:

25 Ijoollee Aannaa:

26 Ilmaan Diishoon:

27 Ilmaan Eezeri:

28 Ilmaan Diishaan:

29 Isaan kunneen hangafoota Hoorotaa ti:

30 Diishoon, Eezerii fi Diishaan.

31 Mootonni utuu mootiin Israaʼel tokko iyyuu hin moʼin dura Edoom keessatti moʼan kanneen turan:

32 Belaa ilmi Beʼoor mootii Edoom taʼe. Magaalaan isaa Diinhaabaa jedhamee moggaafame.

33 Belaa duunaan Yoobaab ilmi Zeraa namichi Bozraa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

34 Yoobaab duunaan Hushaam namichi biyya Teemaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

35 Hushaam duunaan Hadaad ilmi Bedad inni biyya Moʼaabitti Midiyaanin moʼate sun iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Maqaan magaalaa isaa Aawiit jedhame.

36 Hadaad duunaan Samlaan namichi Masreeqaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

37 Samlaan duunaan Shaawul namichi biyya Rehoobooti ishee laga bira jirtu sanaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

38 Shaawul duunaan Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

39 Baʼaal-Haanaan ilmi Akboor duunaan immoo Hadaad iddoo isaa buʼee mootii taʼe. Magaalaan isaas Faaʼuu jedhame. Maqaan niitii isaa immoo Maheexabiʼeel jedhama ture. Isheenis intala Maxreed intala Mee-Zaahaab turte.

40 Hangafoonni Esaawu irraa dhalatan akkuma gosa gosa isaaniittii fi akkuma naannoo jireenya isaaniitti maqaa maqaan kanneenii dha:

41 Oholiibaamaa, Eelaa, Phiinoon,

42 Qenaz, Teemaan, Mibzaar,

43 Magidiiʼeelii fi Iiraam.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado