1 Seenaan ilmaan Nohi jechuunis kan Seem, kan Haamii fi kan Yaafet kana; isaanis bishaan badiisaa booddee ilmaan dhalchan.
2 Ilmaan Yaafet:
3 Ilmaan Goomer:
4 Ilmaan Yaawaan:
5 Uummanni qarqara galaanaas tokkoon tokkoon isaanii akkuma afaan isaaniittii fi akkuma saba isaaniitti gara biyyoota isaaniitti bibittinnaaʼan.
6 Ilmaan Haam:
7 Ilmaan Kuushi:
8 Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe.
9 Innis fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa ture; kanaafuu, “Fuula Waaqayyoo duratti adamsaa jabaa akka Naamruudi” jedhame.
10 Jalqabni mootummaa isaa Shineʼaar keessatti Baabilon, Ereki, Akaadii fi Kaalnee ture.
11 Innis biyya sanaa baʼee Asoor dhaqe; achittis Nanawwee, Rehoobootii fi Kaalahi ijaare;
12 akkasumas Resen ishee Nanawwee fi Kaalah gidduutti argamtu ni ijaare; Resen kunis magaalaa guddoo dha.
13 Misrayim immoo abbaa
14 Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa, jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.
15 Kanaʼaan abbaa Siidoon
16 Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa,
17 Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa,
18 Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture.
19 daariin Kanaʼaanis Siidoonii kaʼee karaa Geraaraatiin hamma Gaazaatti balʼate; karaa Sodoom, Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiimiitiinis hamma Leshaatti balʼate.
20 Ilmaan Haam akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
21 Seemiifis ilmaan ni dhalatan; obboleessi Seem hangafti Yaafet ture; Seemis abbaa ilmaan Eeber hundaa ture.
22 Ilmaan Seem
23 Ilmaan Arraam
24 Arfaakshad Sheelaa dhalche;
25 Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate; sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef
26 Yooqxaan immoo
27 Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa,
28 Oobaal, Abiimaaʼeel, Shebaa,
29 Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.
30 Lafti jireenya isaanii Meeshaa kaʼee karaa Sefaariitiin hamma gaarran baʼa biiftuutti balʼata.
31 Ilmaan Seemi akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.
32 Warri kun gosoota ilmaan Nohi kanneen akkuma dhaloota isaaniitti saba isaanii keessa jiranii dha; bishaan badiisaatiin booddee saboonni warruma kana irraa lafa irra faffacaʼan.