Ezequiel 32

GAZ

1 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa kudha lammaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

2 “Yaa ilma namaa, waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi faaruu baasiitii akkana jedhi:

3 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:

4 Ani lafatti sin gata;

5 Ani foon kee tulluuwwan irratti nan bittinneessa;

6 Hamma tulluuwwan bira gaʼutti

7 Ani yommuun si balleessutti samiiwwan nan haguuga;

8 Ifawwan calaqqisoo samii irra jiran hunda sitti nan dukkaneessa;

9 Ani yeroon boojuu godhee

10 Ani yeroon goraadee koo fuula isaanii duratti mirmirsutti

11 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii:

12 Ani akka namoonni kee hedduun

13 Bishaanota baayʼee biraa

14 Ergasii bishaan ishee akka qulqullaaʼu,

15 Gaafa ani biyya Gibxi onsee

16 “Faaruun isaan isheef faarsan kana. Intallan sabootaas ni faarsu; biyyi Gibxii fi waldaan ishee hundi ni faarsu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

17 Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

18 “Yaa ilma namaa, waldaa namoota Gibxiif wawwaadhu; ishee fi intallan saboota jajjaboo kanneen boolla buʼanitti dabaliitii qileetti darbadhu.

19 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Ati eenyu caalaa miidhagda? Gad buʼiitii warra dhagna hin qabanne sana gidduu ciisi.’

20 Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti kufu. Goraadeen luqqifameera; isheen waldaa namoota ishee hunda wajjin lafa irra haa harkifamtu.

21 Hooggantoonni jajjaboon awwaala keessaa waaʼee Gibxii fi waaʼee tumsitoota ishee, ‘Isaan gad buʼaniiru; warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan qalaman wajjin ciciisaniiru’ jedhu.

22 “Asoor loltoota ishee hunda wajjin achi jirti; isheenis awwaala namoota ishee warra qalaman hundaa kanneen goraadeedhaan dhuman hundaatiin marfamteerti.

23 Awwaalli isaanii boolla qilee keessa; loltoonni ishees naannoo awwaala ishee ciciisaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessatti sodaa faffacaasan hundi gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru.

24 “Eelaam waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaalaa ishee jiran hunda wajjin achi jirti. Hundi isaanii gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasan hundi utuu dhagna hin qabatin qilee keessa buʼaniiru. Isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru.

25 Waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala ishee jiran hunda wajjin warra gorraʼaman gidduutti sireen isheedhaaf qopheeffameera. Hundi isaanii warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeen dhumanii dha. Sababii sodaan isaanii biyya jiraattotaa keessa faffacaʼeef, isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru; isaan warra gorraʼaman gidduu ciciisaniiru.

26 “Meshekii fi Tuubaal waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala isaanii jiran hunda wajjin achi jiru. Hundi isaanii iyyuu warra dhagna hin qabatin kanneen sababii biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasaniif goraadeedhaan dhumanii dha.

27 Isaan gootota dhuman kanneen dhagna hin qabatin kaan, warra miʼa lolaa isaanii wajjin awwaalaman kanneen goraadeewwan boraafatan wajjin hin ciciisanii? Sodaachisuun gootota kanneenii biyya jiraattotaa keessa jiraatu iyyuu adabbiin cubbuu isaaniitiif malu lafee isaanii irra buʼe.

28 “Yaa Faraʼoon, atis cabdee warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciifta.

29 “Edoom, mootonni isheetii fi bulchitoonni ishee hundi achi jiru; isaan humna qabaatan iyyuu, warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisaniiru. Isaan warra dhagna hin qabatin kanneen boolla buʼan wajjin ciciisu.

30 “Bulchitoonni kaabaa hundii fi warri Siidoonaa hundi achi jiru; isaan warra jabina isaaniitiin goolii uumaa turan taʼan iyyuu warra gorraʼaman wajjin salphinaan gad buʼan. Utuu dhagna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisu; warra boolla buʼan wajjinis salphina isaanii baadhatu.

31 “Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi jara argu; waldaan namoota isaa hundi goraadeedhaan ajjeefamani iyyuu inni of jajjabeessa, jedha Waaqayyo Gooftaan.

32 Ani akka inni biyya jiraattotaa keessa goolii faffacaasu godhu iyyuu, Faraʼoonii fi waldaan namoota isaa hundi warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciciisu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado