1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 “Yaa ilma namaa raaji; akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
3 Guyyaan sun dhiʼoo dha;
4 Gibxitti goraadeen ni dhufa;
5 Itoophiyaa fi Fuuxi, Luudii fi biyyi Arabaa hundi, Liibiyaa fi uummanni biyya kakuu Gibxi wajjin goraadeedhaan ni dhumu.
6 “ ‘Waaqayyo akkana jedha:
7 Isaan biyyoota onan gidduutti, onanii hafu;
8 Yommuu ani Gibxitti ibidda qabsiisee
9 “ ‘Gaafas namoota Itoophiyaa kanneen yaaddoo malee jiraatan sodaachisuuf, ergamoonni dooniidhaan na biraa ni baʼu. Guyyaa badiisa Gibxitti dhiphinni isaan qabata; wanni kun dhugumaan ni dhufaatii.
10 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
11 Innii fi loltoonni isaa kanneen saboota keessaa // akka malee hamoo taʼan,
12 Ani bishaan Abbayyaa nan gogsa;
13 “ ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:
14 Phaxroosin nan onsa;
15 Daʼannoo Gibxi jabaa jechuunis
16 Ani Gibxitti ibidda nan qabsiisa;
17 Dargaggoonni Aawwenii fi
18 Yommuu ani waanjoo Gibxi cabsutti,
19 Kanaafuu ani Gibxiin nan adaba;
20 Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
21 “Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mooticha Gibxi cabseera. Inni akka fayyuuf hin hidhamne yookaan shambaqqoon hidhamee akka jabaatee goraadee qabachuu dandaʼu hin godhamne.
22 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani Faraʼoon mooticha Gibxitti kaʼeera. Ani irree isaa lachanuu, isa fayyaa, isa cabe sana illee cabsee akka goraadeen harka isaatii buʼu nan godha.
23 Ani namoota Gibxi saboota gidduutti nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa.
24 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; goraadee koos harka isaa keessa nan kaaʼa; irree Faraʼoon garuu nan cabsa; innis fuula isaa duratti akkuma nama akka malee madaaʼeetti ni aada.
25 Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni laafa. Yommuu ani goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼee inni immoo Gibxitti isa mirmirsutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
26 Ani namoota Gibxi saboota gidduu nan faffacaasa; biyyoota keessas isaan nan bibittinneessa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”