Ezequiel 21

GAZ

1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

2 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Yerusaalemitti garagalfadhuutii iddoo qulqulluu kanaan mormii lallabi. Biyya Israaʼeliinis mormii raajii dubbadhu;

3 akkanas isheen jedhi: ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani sitti nan kaʼa. Goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhee nama qajeelaas, hamaas si keessaa nan balleessa.

4 Waan ani nama qajeelaas, nama hamaas balleessuudhaaf goraadeen koo saba kibbaa hamma kaabaatti jirutti ni luqqifama.

5 Akka ani Waaqayyo goraadee koo manʼee isaa keessaa luqqifadhe, namni hundi ni beeka; innis manʼee isaatti hin deebiʼu.’

6 “Kanaafuu yaa ilma namaa, aadi! Fuula isaanii duratti garaa cabaa fi gadda hadhaaʼaadhaan aadi.

7 Yommuu isaan, ‘Ati maaliif aadda?’ jedhanii si gaafatanitti, ‘Sababii oduu dhagaʼamaa jiruutiif. Onneen hundi ni baqxi; harki hundis ni laafa; hafuurri hundi ni gaggaba; jilbi hundis bishaan taʼa.’ Oduuni sun dhagaʼamaa jira! Dhugumaanis ni taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

8 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;

9 “Yaa ilma namaa, raajii dubbadhuutii, ‘Gooftaan akkana jedha’ jedhi:

10 kan ajjeesuuf qarame,

11 “ ‘Goraadeen akka harkaan qabatamuuf

12 Yaa ilma namaa, kun saba kootti,

13 “ ‘Qorumsi dhugumaan ni dhufa. Yoo bokkuun goraadeen tuffate sun itti fufuu baate hoo? jedha Waaqayyo Gooftaan.’

14 “Kanaafuu yaa ilma namaa, ati raajii dubbadhu;

15 Kunis akka onneen baqxee

16 Yaa goraadee,

17 Anis harka koo walitti nan rurrukuta;

18 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:

19 “Yaa ilma namaa, akka goraadeen mootii Baabilon ittiin dhufuuf daandii lama baasi; lachanuu biyyuma tokkoo kaʼu. Iddoo daandiin sun gara magaalaatti goru irras mallattoo dhaabi.

20 Goraadee Rabbaa Amoonotaatti dhufuuf daandii tokko mallattoo godhadhu; kan Yihuudaa fi magaalaa Yerusaalem ishee daʼannoo qabdu sanatti dhufu immoo daandii lammaffaa mallattoo godhadhu.

21 Mootiin Baabilon milkii ilaallachuuf jedhee iddoo daandiin sun wal gaʼu irra, fiixee daandiiwwan lamaanii irra dhaabata; innis xiyyaan ixaa buufata; waaqota isaa tolfamoo sanaan ni mariʼata; tiruus ni ilaallata.

22 Akka inni waan ittiin dallaa diigu dhaabuuf, akka ajaja ajjeechaa kennuuf, akka waca waraanaa dhageessisuuf, akka waan ittiin dallaa diigan karra dura kaaʼuuf, akka biyyoo tuuluu fi akka daʼannoo hojjetuuf harka isaa mirgaatti ixaan Yerusaalemiif baʼe.

23 Wanni kunis warra isa wajjin kakuu galaniif milkii sobaa fakkaata; inni garuu dogoggora isaanii isaan yaadachiisee boojuudhaan isaan fudhata.

24 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: ‘Isin sababii akka cubbuun keessan waan isin hojjettan hunda keessatti mulʼatuuf, akka balleessaan keessan hin dhokanne gochuudhaan waan akka yakki keessan yaadatamu gootaniif jechuunis waan akkana gootaniif ni boojiʼamtu.

25 “ ‘Yaa ilma mootii Israaʼel xuraaʼaa fi hamaa nana, kan guyyaan kee dhiʼaate, kan yeroon adabama keetii fiixee gaʼe,

26 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Marata of irraa hiiki; gonfoos of irraa fuudhi. Wanti akka amma jirutti hafu hin jiru; kan gad qabame ol qabama; kan ol qabame immoo gad qabama.

27 Diigama! Diigama! Ani ishee nan diiga! Hamma namni isheen isaaf maltu dhufutti isheen akka kanaan duraa hin taatu; ishees isaaf nan kenna.’

28 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii raajii dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan waaʼee Amoonotaa fi arrabsoo isaanii akkana jedha:

29 Mulʼanni sobaa waaʼee keetiif,

30 Goraadee manʼee isaatti deebisi;

31 Ani dheekkamsa koo sirratti nan dhangalaasa;

32 Ati qoraan ibiddaa taata;

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado