Ester 10

GAZ

1 Ahashweroos Mootichi hamma qarqara galaanaatti bulchiinsa isaa guutuu irratti gibira buuse.

2 Hojiin humnaa fi jabina isaa hundinuu, seenaa guddina Mordekaayi kan mootichi itti ol isa guddise guutuu wajjin kitaaba seenaa mootota Meedee fi Faares keessatti barreeffameera mitii?

3 Mordekaayi Yihuudichi sadarkaadhaan nama Ahashweroos Mootichatti aanu ture; inni sababii uummata isaatiif waan gaarii hojjetee fi sababii nageenya Yihuudoota hundaatiif falmeef obboloota isaa Yihuudoota hedduu biratti ulfina guddaa qaba ture.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado