1 Musee fi maanguddoonni Israaʼel akkana jedhanii saba ajajan; “Ajajawwan ani harʼa isiniif kennu kanneen hunda eegaa.
2 Erga biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf Yordaanos ceetanii booddee dhagoota gurguddaa dhaabiitii nooraa dibi.
3 Yommuu akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keetii si abdachiisetti biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galuuf ceetutti dubbiiwwan seera kanaa hunda dhagoota irratti barreessi.
4 Ati erga Yordaanos ceetee booddee akkuma ani harʼa si ajajutti dhagoota kanneen Tulluu Eebaal irra dhaabii nooraa dibi.
5 Achittis Waaqayyo Waaqa keetiif iddoo aarsaa kan dhagaa irraa hojjetame dhaabi; miʼa sibiilaa tokko iyyuu hin fayyadamin.
6 Iddoo aarsaa Waaqayyoo Waaqa keetii dhagaa hin soofaminiin hojjedhu; achi irrattis Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gubamu dhiʼeessi.
7 Achittis aarsaa nagaa qalii nyaadhuutii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti gammadi.
8 Dhagoota irratti dubbiiwwan seera kanaa hunda ibsii barreessi.”
9 Musee fi Lewwonni luboota taʼan Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; “Yaa Israaʼel, calʼisii dhagaʼi! Ati harʼa saba Waaqayyo Waaqa keetii taateerta.
10 Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamiitii ajajawwan isaatii fi qajeelchawwan ani harʼa siif kennu dhagaʼi.”
11 Museenis gaafasuma akkana jedhee saba ajaje:
12 Yommuu isin Yordaanosin ceetanitti gosoonni Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Yoosefii fi kan Beniyaam saba eebbisuuf gaara Gerziim irra haa dhaabatan.
13 Gosoonni Ruubeen, Gaad, Aasheer, Zebuuloon, Daanii fi Niftaalem immoo abaaruuf Tulluu Eebaal irra haa dhaabatan.
14 Lewwonni sagalee isaanii ol fudhatanii akkana jedhanii saba Israaʼel hundatti haa labsan:
15 “Namni fakkii soofu yookaan baqsee Waaqa tolfamaa jechuunis waan fuula Waaqayyoo duratti balfamaa taʼe hojjetu kan waan ogummaa harkaatiin hojjetame dhoksee ol dhaabu haa abaaramu.”
16 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa qaanessu haa abaaramu.”
17 “Namni dhagaa daarii ollaa isaa dhiibu haa abaaramu.”
18 “Namni nama jaamaa karaa irraa jalʼisu haa abaaramu.”
19 “Namni murtii alagaa, ijoollee abbaa hin qabneetii fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼanii jalʼisu haa abaaramu.”
20 “Namni niitii abbaa isaa wajjin ciisu haa abaaramu; inni siree abbaa isaa xureesseeraatii.”
21 “Namni horii kam iyyuu wajjin wal bira gaʼu haa abaaramu.”
22 “Namni obboleettii isaa intala abbaa isaa yookaan intala haadha isaa wajjin ciisu haa abaaramu.”
23 “Namni haadha niitii isaa wajjin ciisu haa abaaramu.”
24 “Namni dhoksaadhaan ollaa isaa ajjeesu haa abaaramu.”
25 “Namni nama qulqulluu ajjeesuuf jedhee mattaʼaa fudhatu haa abaaramu.”
26 “Namni dubbiiwwan seera kanaa eeguudhaan jabaatee hin dhaabanne haa abaaramu.”