Apocalipse 7

GAZ

1 Ergasiis ani utuu ergamoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge.

2 Ergamaan chaappaa Waaqa jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis ergamoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee,

3 “Hamma nu adda tajaajiltoota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa” jedhe.

4 Anis baayʼina warra chaappeffamanii dhagaʼe: gosa Israaʼel hunda keessaa 144,000 ture.

5 Gosa Yihuudaa keessaa 12,000,

6 gosa Aasheer keessaa 12,000,

7 gosa Simiʼoon keessaa 12,000,

8 gosa Zebuuloon keessaa 12,000,

9 Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan.

10 Isaanis sagalee guddaadhaan,

11 Ergamoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Waaqaaf sagadan;

12 akkanas jedhan:

13 Maanguddoota keessaas inni tokko, “Warri uffata adaadii uffatan kunneen eenyu faʼi? Eessaa dhufan?” jedhee na gaafate.

14 Anis, “Yaa Gooftaa, situ beeka” jedheen deebiseef.

15 Kanaafuu,

16 ‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan;

17 Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado