Apocalipse 5

GAZ

1 Anis harka mirga isa teessoo irra taaʼe sanaa irratti kitaaba maramaa keessaa fi duubaan itti barreeffamee chaappaa torbaan cufame tokko nan arge.

2 Anis ergamaa Waaqaa isa jabaa sagalee guddaadhaan, “Chaappaa hiikuun, kitaaba maramaas banuun kan maluuf eenyu inni?” jedhee labsu tokko nan arge.

3 Garuu namni tokko iyyuu samii keessaa yookaan lafa irraa yookaan lafa jalaa kitaaba maramaa banuu yookaan keessa isaa iyyuu ilaaluu hin dandeenye.

4 Anis waan namni kitaaba maramaa banuun yookaan keessa isaa ilaaluun maluuf tokko iyyuu dhabameef baayʼisee nan booʼe.

5 Ergasiis maanguddoota sana keessaa inni tokko, “Hin booʼin! Kunoo, Leenci gosa Yihuudaa, Hiddi Daawit moʼateera. Inni kitaabicha maramaa banuu, chaappaa isaa torbanuus hiikuu ni dandaʼa” naan jedhe.

6 Anis Hoolaa waan qalame fakkaatee teessoo walakkaa uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddootaan marfamee dhaabatu tokko arge. Hoolichis gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; iji torban kunneenis Hafuurota Waaqaa kanneen gara lafa hundaatti ergaman torbanii dha.

7 Innis dhufee harka mirgaa isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa irraa kitaaba maramaa fudhate.

8 Yommuu inni kitaaba maramaa sana fudhatettis uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii fi maanguddoonni digdamii afran fuula Hoolichaa duratti kufan. Tokkoon tokkoon isaanii baganaa qabu turan; isaanis miʼa ixaanaa kan warqee irraa hojjetamee fi kan ixaanni keessa guute harkaa qabu turan; ixaanni kunis kadhannaa qulqullootaa ti.

9 Isaanis akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan;

10 Akka isaan mootummaa fi luboota Waaqa keenyaa taʼanis gooteerta;

11 Anis ilaalee sagalee ergamoota baayʼee dhagaʼe; baayʼinni isaaniis kumaatamaa fi kuma kumaatama ture. Isaanis teessoo sanatti, uumamawwan lubbuu qabeeyyii fi maanguddootatti naannaʼanii turan.

12 Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan;

13 Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus,

14 Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin afran, “Ameen” jedhan; maanguddoonnis kufanii sagadan.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado