1 Saaʼol erga duʼee booddee, Daawit Amaaleqoota rukutuu irraa deebiʼee Siiqlaag keessa guyyaa lama ture.
2 Guyyaa sadaffaatti namichi tokko qubata Saaʼolii dhufe; innis wayyaa isaa tarsaasee mataa isaatti awwaara firfirfatee ture. Yommuu Daawit bira gaʼettis ulfina isaaf kennuuf jedhee addaan lafatti gombifame.
3 Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate.
4 Daawitis, “Maaltu dhalate? Mee natti himi” jedhee gaafate.
5 Kana irratti Daawit dargaggeessa oduu kana fideen, “Akka Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataan duʼan ati akkamitti beekte?” jedhe.
6 Dargaggeessi sunis akkana jedhee deebise; “Akkuma tasaa ani Tulluu Gilboʼaatti ol baʼeen ture; Saaʼolis eeboo isaatti irkatee achi ture; gaariiwwan lolaatii fi abbootiin fardaa isa bira gaʼan.
7 Innis yommuu garagalee na argetti na waame; anis, ‘Maal siif ajajamu?’ jedhee isa gaafadhe.
8 “Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate.
9 “Ergasiis inni, ‘Narra dhaabadhuu na ajjeesi! Waan lubbuun na keessaa hin baʼiniif ani akka malee dhiphachaan jiraatii’ naan jedhe.
10 “Kanaafuu ani sababiin akka inni erga kufee hin fayyine beekeef isa irra dhaabadheen isa ajjeese. Gonfoo mataa isaatii fi bitawoo harka isaa fuudhee gooftaa kootiif fideera.”
11 Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hundi wayyaa of irraa baasanii tatarsaasan.
12 Isaanis Saaʼolii fi Yoonaataaniif, loltoota Waaqayyootii fi mana Israaʼel hundaaf gaddanii ni booʼan; hamma galgalaatti ni sooman; isaan goraadeedhaan dhumaniiruutii.
13 Daawitis, “Ati eessaa dhufte?” jedhee dargaggeessicha oduu fide sana gaafate.
14 Daawit immoo, “Yoos ati dibamaa Waaqayyoo tokko galaafachuuf harka kee ol fudhachuu maaliif hin sodaatin ree?” jedhee gaafate.
15 Ergasii Daawit namoota isaa keessaa tokko waamee, “Dhaqiitii dhaʼii isa ajjeesi!” jedhe. Innis isa dhaʼe; namichis ni duʼe.
16 Daawitis, “Sababii afaanumti kee, ‘Ani nama Waaqayyo isa dibe ajjeeseera’ jedhee dhugaa sitti baʼeef dhiigni kee matuma keetti deebiʼa” jedheen.
17 Daawit faaruu kanaan Saaʼolii fi ilma Saaʼol Yoonaataaniif booʼe;
18 akkasumas faaruu iddaa jedhamu kana akka namoonni Yihuudaa barsiisfaman ajaje; kunis kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera. Innis:
19 “Yaa Israaʼel, ulfinni kee gaarran kee irratti ajjeefameera.
20 “Waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa;
21 “Yaa tulluuwwan Gilboʼaa,
22 “Dhiiga namoota dhumanii keessaa,
23 Saaʼolii fi Yoonaataan yeroo lubbuun jiraachaa turanitti,
24 “Yaa intallan Israaʼel,
25 “Namoonni jajjaboon akkamitti waraana keessatti kufu!
26 Yaa Yoonaataan obboleessa ko, ani siif gaddeera;
27 “Namoonni jajjaboon akkamitti kufan!