1 Tessalonicenses 1

GAZ

1 Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa,

2 Nu kadhannaa keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee yeroo hunda waaʼee hunda keessaniitiif Waaqa ni galateeffanna.

3 Nu hojii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii fi obsa abdii keessanii kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti qabdan sana Waaqa keenyaa fi Abbaa keenya duratti ittuma fufnee ni yaadanna.

4 Yaa obboloota Waaqaan jaallatamtan, nu akka inni isin filate beeknaatii;

5 wangeelli keenya humnaan, Hafuura Qulqulluu fi amansiisa guddaan malee dubbii afaanii qofaan gara keessan hin dhufneetii. Nu isiniif jennee akkamitti akka isin gidduu jiraanne ni beektu.

6 Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu.

7 Kanaanis amantoota Maqedooniyaa fi Akaayaa jiran hundaaf fakkeenya taatanii jirtan.

8 Dubbiin Gooftaa isin biraa baʼee Maqedooniyaa fi Akaayaa qofatti hin dhagaʼamne; amantiin isin Waaqatti qabdanis lafa hunda gaʼeera. Kanaafuu waaʼee isaa homaa dubbachuu nu hin barbaachisu;

9 isin simannaa akkamii akka nuu gootan isaanuu ni dubbatuutii. Isaan akkamitti akka isin Waaqa jiraataa fi Waaqa dhugaa tajaajiluuf jettanii waaqota tolfamoo irraa gara Waaqaatti deebitanis ni himu;

10 akkasumas Ilma isaa isa inni warra duʼan keessaa kaase jechuunis Yesuus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu baasu sana akka samii irraa eeggattan ni himu.

Ler em outra tradução

Comparar lado a lado