1 Isaanis taabota Waaqaa fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqaa duratti ni dhiʼeessan.
2 Daawitis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyootiin namoota ni eebbise.
3 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne.
4 Innis akka isaan fuula taabota Waaqayyoo duratti tajaajilaniif, akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate;
5 isaanis Asaaf hangafticha, Zakkaariyaas itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture;
6 Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Waaqaa duratti malakata afuufu turan.
7 Daawitis gaafa sana akka Asaafii fi michoota isaa faarfannaa galataa kana Waaqayyoof faarfataniif jalqabatti ajaja kenne:
8 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;
9 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;
10 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa;
11 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa;
12 Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi
13 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Israaʼel taatan,
14 Inni Waaqayyo Waaqa keenya;
15 Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas
16 inni kakuu Abrahaam wajjin gale,
17 Kanas Yaaqoobiif seera,
18 “Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee,
19 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti,
20 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo
21 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne;
22 “Dibamtoota koo hin tuqinaa;
23 Lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa;
24 Ulfina isaa saboota gidduutti,
25 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;
26 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;
27 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;
28 Yaa maatiiwwan sabootaa, Waaqayyoof kennaa;
29 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa.
30 Isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa!
31 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;
32 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu;
33 Mukkeen bosonaa haa faarfatan;
34 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
35 Akkana jedhaatii iyyaa; “Yaa Waaqayyo,
36 Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiif
37 Daawitis akka isaan fuula taabotaa dura yeroo hunda tajaajilaniif, Asaafii fi obboloota isaa achuma fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti isaan dhiise.
38 Akkasumas Oobeed Edoomii fi warra isaan wajjin hojjetan jaatamii saddeettan akka isaan wajjin tajaajilaniif achitti dhiise. Oobeed Edoom ilmi Yeduutuuniitii fi Hoosaan eegdota balbalaa turan.
39 Daawit Zaadoq lubichaa fi luboota isa wajjin hojjetan kaan dunkaana Waaqayyoo qulqulluu kan Gibeʼoon keessatti gaara sagadaa irratti argamu biratti dhiise;
40 kunis isaan akkuma waan Seera Waaqayyoo kan inni Israaʼeliif kenne hunda keessatti barreeffame sanaatti yeroo hunda galgalaa fi ganama iddoo aarsaa gubamuu irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof akka dhiʼeessaniif.
41 Isaan wajjinis Heemaanii fi Yeduutuun akkasumas warra akka, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” jedhanii Waaqayyoof galata galchaniif filatamanii maqaan isaanii beekame biraatu ture.
42 Heemaanii fi Yeduutuun sagalee malakataatiif kilillee dhageessisuu fi akkasumas meeshaa muuziiqaa kan Waaqaa irratti itti gaafatamtoota turan. Ilmaan Yeduutuun immoo karra eegan.
43 Ergasii namoonni hundinuu achii kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara mana ofii isaatti galan; Daawit immoo maatii ofii eebbisuuf gara manaatti ni deebiʼe.